Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Tunisiyaa Mootummaa Diigan


Prezidaantii Tuniisiyaa Dilbata kaleessaa mootummaa biyyatti diiguun paarlaamaas hojii irraa dhaabanii jiran.Kunis magaalaalee biyyatti gurguddoo ta’an keessatti uummanni ba’e deggersa isaa akka ibsuu kan taasisee yoo ta’u, battalumatti rakkoo siyaasaa hammeessuun mormiitonnis fonqoolcha mootummaati jedhanii jiran.

Prezidaantiin Tunisiyaa Kaais Saied akka jedhanti,mummicha ministeeraa haaraa waliin angawoota hojii rawwachiiftu ta’an hundeessuuf yaadaa jiran.Kunis caasaa Demookraatawaa Tunisiiyaa han waraaqsa bara 2011 baastee hojii irra oolchuuf rakkoo guddaa ta’e jira.

Ta’uus garu prezidaantichii mootummaa raafamaa kan Tunisiyaa irratti tarkaanfiin kana fudhachuu fi paarlaamaan addaan akka qoodamuun kun hagam deggersa akka argamsisuuf hin beekamiin jira.Garu deebii hokkaraan kennamuu kamiif iyyu prezidaantichii akeekkachiisa kennanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG