Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Tuuniisiyaa Paarlaamaa Erga Diiganii Booda Filannoon Ammatti Hin Geggeessamu Jedhan


Paarlaamaa Tuuniiziyaa, Tunis
Paarlaamaa Tuuniiziyaa, Tunis

Prezidaantiin Tuniisiyaa torban kana erga paarlaamaa diiganii booda baatilee sadii keessatti filannoo kan hin geggeessine ta’uu kamisa kaleessaa ibsanii jiru. Trkaanfiin kun sirna dimokraasummaa boodatti dhiisuu dhaan gara bulchiinsa nama tokkootti kan geessu ta’uun ibsamee jira.

Paartileen waltajjii siyaasaa Tuniisiyaa fi waldaa hojjettoota cimaa biyyattii irraa walitti dhufan, heera biyyattii tuquu dhaan prezidaantichi erga roobii darbe paarlaamaa diiganii booda hatattamaan filannoon akka geggeessamu gaafataniiru.

Kamisa darbe dubbi himaan ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Ned Price akka jedhanitti, Saa’id paarlaamaa diiguu isaanii ilaalchisee yaaddoo qabu Washington yaaddoo qabu ibsanii jiran.

Price viidiyoo dhaan ibsa kennanii marsariitii irratti maxxanfameen, paarlaamaa filatame dabalatee gara mootummaa heera irratti hundaa’etti deebi’uun bulchiinsa dimoktaatawaa dhaaf murteessaa dha jedhan.

Yunaaytid Istetis bara 2011 keessa warraaqsi biyyattii dimokraasii mu’iseen booda Tuniisiyaa akkaan kan gargaartu yoo ta’u, mootummaan Saa’id rakkoo maallaqaa ittisuuf deggersa maallaqaa addunyaatu isa barbaachisa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG