Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yukireen Jabeenyi Hawaasa Addunyaa Silaa Badisa Yukireen Keessatti Tahe Oolchuu Male Guutuutti Hojiirra Hin Oolle Jedhan  


Prezizaantii Yukireen Volodomiir Zeleniskii, Camsaa 23, 2022.

Prezizaantiin Yukireen Volodomiir Zeleniskii, ibsa guyyaa guyyaatti kennu irratti Raashiyaan ifatti “imaammaa duguuginsa sanyii” lammiwwan Yukireeni irratti geggeessite, garuu silaa otuu jabinni addunyaan waraansicha dhaabsisuuf qabu guutmmaatti hojii irra oolfame tahee, otuu Raashiyaa irratti hin lalaaffanne tahee badisi guddaan Yukireen keessatti tahe oolfamuu danda’a ture, jedhan.

Zeleniskiin komee isaanii kana ennaa ibsan, Raashiyaan gurgurtaa maddeen inerjii isheetiin Gamtaa Awurooppaa irraa guyyaa guyyaatti gara Yuuroo Biliyoona tokkoo argatti, jedhanii biyyoonni Gamtaa Awurooppaa immoo ammallee uggura marsaa jahaffaa Raashiyaa irra kaa’uu irratti waliigaltee irra gahuuf carraaqaa akka jiran dubbatan

Waan fedheefuu, Yukireen yeroo mara biyya birmaduu taatee jiraatti, eenyuunillee cabuuf hin jirtu – jedhanii, dhuma irratti gaaffiin jiru uummatni Yukireen bilisummaa isaatiin gatii hagamii baasa ka jedhuu fi Raashiyaan waraansa faayidaa hin qabne nu irratti geggeessaa jirti – jedhan kanaaf gatii hagamii baasti – ka jedhu akka tahe dubbatan.

Humnoonni Raashiyaa gama Yukireen Kaaba-bahaatiin dudduba dhiibamanii daangaa qarqara ka jiran yoo tahu, kallattii ka biraadhaan lola haaraa waan banaa jiran fakkaata. Hoogganoonni magaalaa Yukireen guddittii lammataa – Kaarkiiv keessa jiran kaleessa, haleellaan humnoota Raashiyaan geggeessame yoo xiqqaate siiviloota 7 ajjeesee 17 biroo madeesse – jedhan. Kaabaa fi Baha magaalattiitti waraansi how’aan itti fufee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG