Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yukireen Prezidaant Baayiden fi Itti Aantuu Pirezdaantii Haaris Waliin Waayit Hawusitti Walarguuf Jiru


FAAYIII - Pirezidaantii Yunaaitid Isteetis Joo Baayiden fi Pirezidaant i Yukireen Volodimiir Zeleniskii Adoolessa 11, 2024.
FAAYIII - Pirezidaantii Yunaaitid Isteetis Joo Baayiden fi Pirezidaant i Yukireen Volodimiir Zeleniskii Adoolessa 11, 2024.

Pirezidaantiin Yunaaitid Isteetis Joo Baayiden Kamisa har’aa Pirezidaant Volodimiir Zeleniskii Waayit Haawusitti simachuun keessummeessaanii jiru. Wayita kanas hogganaan Yukireen kun ennaa Rippabilikaanonni jiddu seeniinsa filannoon himatanitti, karoora lola Raashiyaa irratti geggeessamu injifachuuf qaban irratti mari’achuuf jiru. Zeleniskiin erga Baayiden waliin marii taasisaniin booda kaadhimtuu pirezidaantii ka paartii Dimookiraat Kamala Harriis waliin addatti wal arguuf beellama qabtaniiru.

Haa ta’u malee, kan guyyoota dhiyoo asitti Yunaayitid Isteetis nama waraana dhaabuuf waliigaltee irra ga’uu dideef doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kennuu itti fuftee jirti jechuun qeeqa isaanii itti fufan, kaadhimamaa pirezidaantii ka paartii Rippaablikaanotaa pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp waliin wal arguuf karora qabaachuun isaanii hin beekamne.

Gama biraatiin ammoo Rippabilikaanonni miseensota Kongireesii, hogganaan Yukireen Zelenskiin Wixata darbe warshaa meeshaa waraanaa kutaa Pennsilvaaniyaa, kutaa falmisiisaa filannoo pirezidaantummaa Yunaayitid Isteetis kan baatii Sadaasaaf dorgommii ho’aan keessatti taasisame daawwachuu isaanii ilaalchisee Yunaayitid Isteetsitti ambaasaaddora isaanii Oksaanaa Markaaroovaa hojii irraa akka ari’an gaafatan.

Af-yaa’iin mana maree Ripaablikaantichi Maayik Joonson xalayaa Zleniskiif erganiin, warshaa Yukireeniif meeshaa waraanaa tolchu daawwachuun duula paartii dimokraatotaa gargaaruuf qophaa’e ta’uu dubbatanii, kunis jiddu seeniinsa filannoo waliin kan wal gitu jedhan. Deggersi weerara Raashiyaan Yukireen irratti geggeessite xumuruuf taasisamu kan paartilee lamaanii ti, garuu ennaa kaadhimamaan prezidaantummaa kan paartii Ripaablikaanotaa angawoota mootummaa keessaniin miidiyaa irratti irratti fuuleffatame hariiroon keenya qormaata keessa seene jedhan Joonsen.

Roobii kaleessaa Tiraamp waraanni Raashaa fi Yukireen kan Guraandhala bara 2022 jalqabe dheerachuu isaaf Baayidenii fi Harriisn himatan.

Forum

XS
SM
MD
LG