Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantin Yunaayitid Isteetis Halkan Dabre Waajira Isaanii Waayit Haawus Keessaa Uummata Isaaniif Haasawa Godhan  


Pirezidaantii Yunaaytid Isteets, Joo Baayiden masaraa mootummaa Waayit Haawus keessaa yeroo haasaha godhan, Waashingitan, Onkoloolessa 20, 2023.
Pirezidaantii Yunaaytid Isteets, Joo Baayiden masaraa mootummaa Waayit Haawus keessaa yeroo haasaha godhan, Waashingitan, Onkoloolessa 20, 2023.

Yukireenii fi Isiraa’e waraansa geggeessaa jiraniif lammiwwan Ameeirkaa deggersa isaanii akka itti fufan Prezidaant Baayiden haasawa isaanii halkan dabre Waayit Haawus irraa taasisaniin gaafatanii jiran. Isiraa’eliif deggersa isaanii agarsiisuuf daawwannaa biyyattiitti taasisanii eega deebi’anii boorumtaa isaa haasawa kana kan dhageessisan, prezidaant Baayiden garee Hamaas fi prezidaantii Raashiyaa, Vilaadmiir Puutiin akka wal-qixxee tahanitti dubbatan.

Prezidaantiin Ameerrikaa tokko waraansa keessatti Isiraa’eliin daawwachuun kan Baayiden kun ka jalqabaa ti.

Prezidaant Baayiden waraansawwan lameen keessatti gareen Hamaasii fi prezidaantichi Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin badiiwwann raaw’atan jedhan ennaa ibsan, “lameenuu dimookirraasii ollaawwan isaanii keessaa duguuganii balleessuu fedhu,” jedhan.

“Lameenuu akka dhaabsisan” ennaa dhaadatanis, “shororkeessonni shororkaa isaaniitiif, irreen-bultoonni irreen-bultummaa isaaniitiif otuu gatii hin baasiin yeroo hafan jeequmsi, duutii fi manca’insi isaan uuman jabaataa akka deemu seenaan nu barsiisee jira,” jedhan.

Michoota isaanii ijoo tahan deggeruuf gaaffii maallaqa deggersa raawwii imaammata mootummaa idilee hin ta’iinii, kan dhimma naga-eegumsaa biyyaalessaa Ameerikaa Mana-maree Bakka-bu’ootaa biyyattiif akka dhiheessanis ibsanii jiran, Baayiden. Prezidaantichi maallaqni gaafachuuf jiran meeqa akka tahe haasawa isaanii kana keessatti dubbachuu dhabaataniyyuu, maddeen oduu adda addaa garuu, Doolaara Biliyoona dhibba tokko ta’uu akka malu gabaasaalee wal-fakkaatan baasaa turan.

Kan namoonni kuma tokkoo ol fixee fi namoota gara dhibba ugguree jiru haleellaa Hamaasa gaafa Guraandhala 7, bara 2023 raaw’ateef deebii Isiraa’el karaa humna waraanaa kennaa jirtuuf Yunaayitid deggersa hin daddaaqamne akka kennitu Prezidaant Baayiden haasawa isaanii kana keessatti mirkaneessanii jiran.

Isirraa’el haleellaa Hamaas irratti raaw’ateef deebii kennuuf haleellaalee humna qilleemsaa geggeessiteen namoonni kuma sadi’ii ol tahan du’uu fi Gaazaa keessaa kanneen irra-jireessi isaanii Araboota Falasxiin tahan namoommi miliyoona tokkoo ol tahan manaa fi qehee ofii irrraa buqqa’uun gabaasamee jira. Yukireen gama ilaaleen kaleessa jechuun Kamisa gara guyyaa waareetti Prezidaantii Yukireen Volodmiirr Zeleniskii haasa’uu isaanii kan dubbatan, Prezidaant Baayiden birrmadummaa biyyattii, bulchiisa ishee tiksuu fi dimookiraasiif deggersa gara fuul-duraatti kennan akka mirkaneessan hubachiisan.

Forum

XS
SM
MD
LG