Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantoonni Amerikaa fi Raashaa Har’a Wal Arganii Dubbatan


Prezidaantii Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin fi Prezidaantii Raashiyaa Vladmir Putin, Jeenevaa, Waxabajjii 16, 2021

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin fi giti isaanii kan Raashiyaa Vladmir Putin walgahii akkaan eegamaa ture Jeeneevaa keessatti jalqabanii jiru.

Akka har’a wal geenyuuf yaada dhiyeessuu keessaniif isiniin galateeffadha, Imaltuu dheeraa irra akka turtan nan beeka jechuun putiin gama turjumaanaan Baayddentti dubbatan. Hariiroon Raashiyaa fi Amerikaa dhimmootii hedduu walitti qabaman kan walgahii sadarkaa olaanaa barbaadu.Walgahiin keenya kunis waan gaarii fida jedheen abdadha jedhan putiin itti dabalanii.

Prezidaant Baaydiin gama isaanii galatomii, akkuman jechaa ture sana kallattiin ykn fulaa fulaan wal wal arguun yeroo mara gaarii dha jedhan.

Gam lameen carraa walta’iinsaa tolfachuu kan qabaataan ta’uus garuu, muddamsa hariiroo Moskoo fi Waashiingtan giddutti jiru foyyeessuu isa jedhu gad xiqqeesanii ilaalan.

Walgahii isaanii kana irraa waan guddaa eegaa hin jirru kan jechuudhaan aangawaa gameessi bulchiinsaa tokko, xayyaara prezidaant Baaydin kan gara Swiizerlaand tti balali’aa ture irratti oduu gabaastootaaf ibsanii jiran.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG