Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantummaa Joo Baayiden Qoramaatatu Isa Mudachuuf Deema 


Filannoo prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis erga injifatanii booda Joo Baayiden qiyyaafata isaanii gara biyyattii akkaan addaan qoodamtee fi weerara vaayiresii koronaa akkasumas dinagdee biyyattii raafamaa jirutti deebisanii jiran. Joo Baayiden carraa kunuunsa eegumsa fayyaa babal’isuu akkasumas hojjettoota hiyyeeyyii ta’aniif deggersa gochuu fi dalagaawwaan miliyoonaan laka’amu kan argamsiisan industriiwwan enerjii misoomsuuf waadaa seenan.

Prezidaantummaa Joo Baayiden Qoramaatatu Isa Mudachuuf Deema
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:41 0:00

Haa ta’u malee yaaddoon isaanii inni guddaan kan Yuniversitiin Joons Hopkiins gabaaseef Ameerikaa keessaa lubbuu 237,000 galaafateef furmaata kennuu dha.

Baayiden akka jedhanitti weerara kana dhabamsiisuuf tattaaffii ykn cicha tokko illee hin hambifadhu.

Vaayiresii Koronaaf qorannaa geggeessamu babal’isuu, hojjettoota eegumsa fayyaaf meeshaa ofi irraa ittisan baay’isanii oomishuu fi talaallii qopheessuu fi raabsuu irratti kan fuuleffate gurmuu duula vaayiresii koronaa wixata darbe hundeessanii jiran.

XS
SM
MD
LG