Waldaan barnoota sadarkaa olaanaa konfedereshinii addunyaa kan waa’ee qonnaa fi saayinsii jireenyaa badhaasa kabajaa kan milkaa’iina guddaa bara 2021 profeesar Mark Vaan Montaaguu yunivarsitii Gent irraa akkasumas profeessar Mitikkuu Haaylee Yunivarsitii Maqalee irraa kan badhaasuu ta’u labsee jira.
Kunis qonnaa fi saayinsii jireenyaa kan ilaaleen milkaa’iina guddaa argamsisaniif akkasumas qorannaa saayinsii jabaa gaggeessaniif ta’uun ibsamee jira.
Sirnii badhaasa kana kennuu kun Waxabajjii 21 bara 2022 Chaayinaa irraa kan gaggeeffamu yoo ta’u karaa marsaa inatnettii kallattiin guutuummaa addunyaa irratti kan tamsaafamuu ta’uun ibsamee jira.