Xurree ittiin seenan

Breaking News

Puutiin weerara Yukireen Dhaabuuf Qophii Taanaan Waliin Dubbanna: Pez Baaydin


FAAYILII - Pirezidaantiin Amerikaa Joo Baayiden, Mudde 1, 2022
FAAYILII - Pirezidaantiin Amerikaa Joo Baayiden, Mudde 1, 2022

Pirezidaantiin Amerikaa Joo Baayiden Kamisa kaleessaa pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin erga wal arganii booda akka jedhanitti, prezidaant Puutiin weerara Yukireen irratti raawwattu yoo dhaabee qofa waliin haasa’uuf fedhii kan qaban ta’uu ibsaniiru. Kana amalees Baayiden walgahiin Puutiin waliin taasisan kamiyyuu michoota NATO waliin erga mari’atanii booda akka raawwatamu dubbataniiru.

Gama kaaniin Ministeerri Ittisaa Biriteen Jimaata har’a odeeffannoo basaasaa Yukireen ilaalchisee baase Raashiyaan ji’a darbe west bank kan qarqara dhiha laga Dnipro irraa bahuun ishee Humnoota Waraanaa Yukireen sarara loojistikii fi qunnamtii Raashaa dabalataan rukutuuf carraa kennee jira.

Balaan kun ogeeyyiin loojistikii Raashiyaa bakka qaxxaa mura baaburaa dabalatee naannoowwan dhiyeessii gara kibbaa fi bahaatti akka jijjiiran kakaasuu hin oolu jedha gabaasni Tiwiitara irratti maxxanfame.

Ministeerichi akka jedhetti, Hanqinni meeshaa waraanaa Raashiyaa qormaata loojistikaa kanaan hammaate yeroo ammaa dandeettii Raashiyaan haleellaa bu’a qabeessa fi bal’aa ta’e deebiftee jalqabuuf qabdu daangessan keessaa tokko ta’uu hin oolu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG