Itiyoophiyaa keessatti jireenyi qaala’uu irraa kan ka’e guddinni gatii bittaa baatii Hagayya darbe keessa harka 40.6 dabaluu Rooyteers waajiira Istaatistiksii biyyatti maqaa dhahuun gabaasee jira.
Baatii Haggayyaa dura 39.2 akka ture kan ibsamee yoo ta’u, keessumaa gatiin nyaataa akkaan dabaluun ibsamee jira.
Waggaa kana keessa gatiin bittaa guddachuun kun naanoo biyyoota gaaNfa Afdrikaa keessatti rakkoo guddaa yoo ta’u, roobni ga’aan dhabamuun immoo daran haala jiru hameesse jira.
Hayyuu dinagdee kan ta’an obbo Bulchaa Dammaqsaa akka jedhanti kan rakkoo kana fide fedhiin uummataa fi dhiyessiin jiru wal gituu dadhabuu isaa ti.
Lafti qonnaa jiran qonnaan bulaaf dabalamee kan kennamu otoo hin taane, investeroota biyya alaa kanneen waan oommishatan gara biyya ofiitti erganiif waan kennmuuf, uummanni biyya keessaa beela’a jedhu obbo Bulchaan.
Gabaasaa Guutuu MP3tuquun dhaggefadhaa