Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaa’aa Beekamaan Lammii Masrii Hidhaa Waggaa Shaniin Adabame


Faayilii - Mana Murtii biyya Masrii keessaa
Faayilii - Mana Murtii biyya Masrii keessaa

Qabsa’aan lammii Masrii fi warraaqsa Arabaa kan bara 2011 keessatti beekamaa ta’e oduu kijibaa facaase jedhamuun kaleessa mana hidhaatti deebisamuu abukaatoon isaanii dubbataniiru.

Alaa Abdel-Fattah bara 2014 hiriira mormii hin eeyamamne irratti hirmaataniiru akkasumas angawaa poolisii irratti haleellaa raawwatan jedhamuu dhaan erga itti murtaa’ee booda bara 2019 gad dhiisaman.

Erga gad dhiisamanii guyyootia gabaabaa booda garuu, oduu kijibaa facaasan, caasaalee hawaasaa akka malee itti fayyadaman akkasumas garee bara 2013 shororkeessummaan ramadame Muslim Brothrood jedhutti makaman jechuun tarkaanfii mootummaan fudhaten deebisanii hidhamaniiru.

Tokko tokkoon isaanii hidhaa waggaa afurii kan itti murtaa’e abukaatoo isaanii duraanii Abdel-Fattha fi michuu qabsoo ti.

Mootummoonni gama dhiyaa hedduu fi gareeleen mirga namaaf falman adaba kana qeeqanii jiru. Hoogganaan yeroo dheeraa Hosnii Mubaarak aangoo irraa erga darbamanii erga warraaqsa Arabaa kan bara 2021 qabee mootummaan Masrii mormitoota irratti tarkaanfii fudhataa ture.

Maatiin Abdel-Fattah-n qabsaa’otaa ta’an, ennaa mana hidhaa Kaayiroo Tora turanitti dararaan irratti raawwatam jechuun ibsanii ti.

Yakki inni hojjete akkuma ga’eessota Masrii fi bakka biroo jiran kanneen miliyoonaan laka’amanii, addunyaa haaraa uumuun ni danda’ama jechuun profeesera Herregaa kan ta’an haati isaanii Laayilaa Sooyeef dubbataniiru. Sana gochuufis ija jabaate jedhan. Human rights watchitti itti aanaa daayiriktrri dhimmootii giddu galeessa bahaa fi kaaba Afriikaa Joe Stork ibsa baasaniin, mana murtii addaa kanaan, yaada ofii karaa nagaan ibsuu adabuuf kan raawwatame hanqinni haqaa, sirni murtii haqaa masrii ofiin isaa attamiin meeshaa hacuuccaa akka ta’e mul’isa jedhan. murtiin sunis hatattamaan akka haqamu gaafataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG