Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaa’onni Hoong Koong Hidhaan Adabaman 


Hoong Koong keessatti dureessa abbaa qabeenyaa Midiyaa kan ta’e Jimmy Lai qabsaa’oota Demookraasii beekamoo 4 waliin har’a hidhaan waggaa tokkoo irratti muramee jira. Kunis hiriira seenaa keessatti guddicha jedhame gama hogganuun gargaartan jedhamee akka ta’e ibsameera.

Qindeessitonni hiriira kanaa akka jedhanti uummanni Miliyoona 1.7 jechuun uummata Hoong Koong keessa jiraatu 4 keessaa harkii tokko kan irratti hirmaatan yoo ta’u hundee hiriirtota biro kan bara 2019 keessa gaggeeffamee magaalatti muddee ta’e jira.

Lai namoota Demookraasii leellisuun duula gaggeessan beekaman 9 keeessaa tokko kan ture yoo ta’u hiriira kana qindeessee itti hirmaate jedhamuun hidhaan itti muramee.Hedduun isaanii waggooota kurna hedduuf duula gaggeessan kana karaa nagaan akka ta’u qabsa’aa turan.

Umriin isaa 73 kan ta’e Lai, adabii hidhaa baatii 12 kan irratti muramee yoo ta’u kanneen duula kana gaggeessan jedhaman ka biroon 4 hidhaa baatii 8 hanga 18 tu irratti muramee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG