Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaa’onni Mirga Dimokraasii Hongi Kongi Torba Balleessaan Itti Murame 


Leellistoonni dimokraasii Hong Kng torba bara 2019 ennaa hiriiri farra mootummaa geggeessame wal ga’ee seeraan alaa qindeessuu fi irratti hirmaattan jedhamuu dhaan badiin itti muramee jira.

Qabsa’onni kunis hundeessaa gaazixaa deggersa dimokraasii kan Apple Da jedhamuu Jimmy Lai fi maanguddoon umurii waggaa 82 abukaatoo kan ta’an Maartin Lii keessatti argamu.

Kamisa kanneen itti murtaa’e keessaa abukaatoo Alibert Hoo, abukaatoo Margareet Niig fi qabsaa’aa mirga hojjettootaa Lii Cheek Yaan fi miseensa mana maree duraanii Siid Hoo fi Leeung Kiwook Hang tokko.

Himatamtoonni kanneen biroon lama balleessaa isaanii amananiiru. Kanneen himataman torban, hanga hidhaa waggaa shaniitu isaan eeggata. Namoonni torban to’annaa jala kan oolan, waggaa darbe hagaya 18, bara 2019 hiriira uummata miliyoona tokko kanneen Hong Kong Keessaa irratti hirmaattn jedhamuu dhaani.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG