Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaa’aan Farra Appaartaayidii Ibraahim Ismaa’il Ibraahim Du’aan Boqotan


Faayilii - Qabsaa’aa farra sirna Appaartaayidii fi Ministira haajaa alaa duraanii Afrikaa Kibbaa Ibraahim Ismaa’il Ibraahim gita saanii Indiyaa ka oggasii wajjin, Sadaasa 2, 2012
Faayilii - Qabsaa’aa farra sirna Appaartaayidii fi Ministira haajaa alaa duraanii Afrikaa Kibbaa Ibraahim Ismaa’il Ibraahim gita saanii Indiyaa ka oggasii wajjin, Sadaasa 2, 2012

Qabsaa’aa farra sirna Appaartaayidii kan turanii fi qabsoo ciccimaan isaan mudatee ture, jireenya isaanii irra hedduu immoo mana hidhaa Robben Island kan Afriikaa kibbaa keessatti kan dabarsan Ibraahim Ismaa’il Ibraahim, Wixata kaleessaa umurii isaanii waggaa 84tti du’aan boqotan.

Mana isaanii Johannsburgitti argamu keessatti yeroo dheeraaf dhukkubsataa erga turanii booda du’aan boqochuu isaanii paartiin biyya bulchu African National Congress ibsa baaseen beeksisee jira.

Adoolessa 1, bara 1937 kan dhalatan hiddi dhalata Hindii fi qabsaa’aan kun, Afriikaa kibbaa keessaa bittaa loogii sanyii warreen adii waliin lola geggeessame keessatti kanneen maqaa guddaa qaban waliin adeemsa geggeessame keessatti hirmaataniiru.

Sirna appaartaayidii jalattis mormii karaa nagaa geggeessamu irraa gara qabsoo hidhannootti ce’uu dhaan bara 1963 shiraan to’annaa jala oolan gara Robben Islanditti ergamuu dhaan waggaa 15f eega hidhamanii booda bara 1979 gad dhiisaman.

Xumura bara 1980mootaa keessa ennaa bakka baqa irra turanitti paartii ANCtti dabalamanii hojii edduu hojjetaa erga turanii booda, Swaazilaand biyya hollaa keessatti qabamuu dhaan ganiinsa biyyaan himatamanii gara mana hidhaa Robben Islanditti deebifaman. Mana hidhaa keessattis Nelson Mandela waliin kan qayyabatan yoo ta’u, Jaakoob Zuumaa waliin illee kutaa tokko keessatti hidhamanii jiran.

Ebrahim dhuma irratti bara 1991 gad dhiisaman. Filannoon paartii hunda hirmaachisees Afriikaa Kibbaa keessatti waggoota sadii booda geggeessame.

Prezidaantiin Afriikaa kibbaa Cyril Ramaphosa ibsa kennaniin “walabummaa biyya keenyaaf walitti bu’iinsa biyya addunyaa keessaaf furmaata fiduuf lubbuu isaanii kan kennan michuu qabsoo fi gorsaa kabajamaa du’aan dhabuu keenyatti gaddeera” jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG