Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qobboo fi Waldiyaa Buqqaatotaa Hedduu Keessummeessaa Jiraachuun Gabaasame


Kaaba Walloo (Suuraa faayilii)
Kaaba Walloo (Suuraa faayilii)

Qaamni ofii isaa humna naannoo Tigraay jechuun of waamu, Korem, Alammaaxaa Waanjaa fi Ximmuuga to’achuu isaatti aansee, jiraattonni naannoo kumaan laka’aman qe’ee ofii dhiisanii gara Kaaba Walloo Qobbbboo qabee hanga Roobiit, Gobiyuu, Araaduum, Waldiyaa fi magaalaalee ka biroo akkasumas Kaaba Wallootti kan argaman Addis Qiny, Raamaa, Zobil, Goleshaa, Jemedoo Maariyaam fi gara magaalaalee baadiyaatti dheessuu isaanii kanneen yaada kennan ni dubbatu.

Waajjaa irraa fageenya km shanii halkan miillaan deemanii waaree irra magaalaa Qobboo dhaqqabuu isaanii illee maanguddoon tokko ibsaniiru. Har’a waaree irratti Waajjaa Qobboo irraa miillaan gamas seenuu kan dubbatu dargaggoon tokko gama isaan, Waajjaa fi naannoo isaa haalli jiru yaaddessaa fi miidhaa namoomaa hamaa geessisuu danda’a jechuun yaaddoo jedhu qabaachuu isaa dubbata.

Baqatanii dhufuutti dabalee, ennaa baqattummaan jiraatan waan isaan barbaachisu argachuu dhabuun dararaa keenya hammeesse jedhu buqqaatonni kun. Tajaajilli bilbilaa fi bishaanii naannoo sana adda cituun illee gabaasamee jira.

Buqqaatonni kun, hawaasi addunyaa nuuf haa birmatu, mootummaan illee kan irraa eegmu haa raawwatu jechuun ergaa dabarsaniiru. Himannaa buqqaatonni kun dhiyeessan ilaalchisee hooggana humnootii naannoo Tigraay kanneen jechuun of waaman biraa daandiin bilbilaa waan adda citeef deebii argachuu hin dandeenye jedha Mesfin Aragee Dasee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG