Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qondaalli Siyaasaa ABO, Battee Urgeessaa Ajjeesaman

Qondaala Dhaaba Adda bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaa
Qondaala Dhaaba Adda bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaa

Qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo obbo Battee Urgessaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa magaalaa Baatuu Maqii keessatti kaleessa rasaasaan ajjeefamuu paartichi beeksisee jira. Addi Bilisummaa Oromoo dhaabbileen mirga namoomaa hundi qorannoo hatattamaa fi loogii hin qabne qaama walabaan akka gaggeessan waamicha dhiyeessee jira. Paartichi ajjeechaa kana irratti qorannoo dabalataa gaggeessaa jiraachuu ibseera.

Forum

XS
SM
MD
LG