Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qophii Torbaan Oromoo baranaatiif Oromoo hedduutti MN-tti yaahuutti jira


Abbootiin siyaasaa marii,dargaggootii ammoo waldorgommii,marii miilota isaaniitii fi keessummaa wa qopheessuutti,sirbitootii Oromoo ta biyya akka akkaatii dhufanii fi ka achuma MN jiran ammoo nama walti dhufe kana gammachiisuuf namuu woma jirutti jira,torbaan Torbaan Oromooti(Oromoo week),Adoolessa 16-23ti, 2001, Minneapolisii fi St.Paulilleetti akkanuma.Bulchiinsa Minneapoliii fi St.Paulitti guyyaa kana seeraan kenne.

Oromoon USA,fi Canada tana waliin marroo 16essoof qophii akkanaatiif walti dhufan.Ganna cufa qophii akkanaatiif lafa akkaa akkaa filatan,barana MN.Qophiin tun hagii tokko dorgommii kubbaa miilaati.Dorgommii tana haga tokko qaata jalqaban.

Oromsiisi Adulaa warra waan jiraa arguutti jiru keessaa tokko.

“Haga ammaatti garee 16tti taphatti jira…akka gaariitti deemaa jira…namii qalbii taphaa jabeeffachaa,sana keessaa hariyyoomaa,jaalalaa fi mihcoomatti dhufaa…akka gaariitti deemaa jira…warrii aduu sodaatee guyyaa bahuu dadhabelleen galgala sirbatti gadi yaahaa… nama hedduu argita.”

Ispoortiin jabeenna nafa namaa,fayyaa namaa,qalbii dammassuuu qofaa mitii waan hedduu namaa gooti.Namii hagii tokko marii yaahaa,kaan firaa fi fiixaatti wal argaa,fira wal irraa badetti walbarbaada.

Dargaggootii Oromoo MN ammo hagii tokko aadaa agarsiisaa,kaan hawwisoo dhiyeessaa waan hedduun itti jira.Amaanee Kaahoo itti gaafatamtuu OYA,waldaa dargaggoo Oromoo MNti.Ufillee kubbaa miilaa mana barumsa ufiitii taphatti.

“…Nu ammoo waldaa dargaggoo Oromoo MN keessatti hawwisoo mulisna,bakka kubbaatti aadaa keenna ummatatti mul’isuu…waggaa kana kanumatti qophoofne.”

Waldorgommii kubbaa miilaa Oromoo tana akkuma baratame OSFNA,Fedireeshiinii kubbaa Oromoo Amerikaa gama Kaabaatti qopheesse.

Adoo tana jennuu tokkummaa Oromoo akkamiin ispoortiin guddisan,isportiin biyya tokko akkamiin jabeessiti,ispoortiin tokkummaa dargaggoo akkamiin guddisti? Tattana isanumaa lakkifnaa.Qophii Torbaan Oromoo baranaa mee www.Opride.com irraa laalaa.

Waan nu Torbaan Oromoo irratti qopheessine ammoo MP3 tana irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG