Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qormaata Bahinsa Yunversiitii; Egiziit Egizaam fi Sodaa Qacarrii Barattoota Eebbifamanii


Caalaa Olaanii fi maatii isaa guyyaa eebba isaa, Yuuniversitiin Saayinsii fi teeknoolojii Adaamaa, Adaamaa, Adoolessa 22, 2023.
Caalaa Olaanii fi maatii isaa guyyaa eebba isaa, Yuuniversitiin Saayinsii fi teeknoolojii Adaamaa, Adaamaa, Adoolessa 22, 2023.

Barattoonni qormaata bahinsa yunversiitii fudhatan irratti sodaan isaan mudatee akka ture dubbatanii, garuu waanti kun gama qulqullina barnootaaf yaada qajeelaa ta’uu dubbatan.

Dhaabbileen barnoota olaanoo bara kana barattoota ganne hedduuf barsiisan eebbisiisaa jiran. Kanaanis, akka jalqabaatti eebbifamtoonni bara kanaa qormaata bahinsa yunverisiitii, Egiziit Egizaam akka biyyaatti kan fudhatan yoo ta’an, barattoota eebbifamuuf qormaata kana fudhatan keessaas dhaabbilee barnootaa olaanaa mootummaarraa dhibbeentaan 62 qofaan darbuun ministeerri barnootaa beeksisee jira.

“ Egiziit’n barana nurratti yeroo jalqabu, maqumasaarrayyuu sodaachisaa ture, garuu gaafa qormanee ilaallu, haala gaariin keessa dabarre
Ofga'aa Galaanaa

Yuuniversitiin Saayinsii fi teeknoolojii Adaamaas sanbata darbe barattoota, gosa barnoota gara garaan sadarkaa digrii, jalqabaa, lammaffoo fi sadaffoon eebbisiisee jira. Barataa Ofgahaa Galaanaa Qellem Wallaggaa Dambi Doollootti dhalatee guddate. Kutaa barnoota koompiwuter Saayinsii fi Injineriingiirraa, qabxii olaanaa galmeessuun kan eebbifame Ofga'aan, turtiin barnootaa isaa bu’aa bayii kan qabu ture jedha. Waa’ee qormaat madaallii eebba dura barattootaaf kenname Egiziit Egzaam ‘ yoo dubbatu, “ Egiziit’n barana nurratti yeroo jalqabu, maqumasaarrayyuu sodaachisaa ture, garuu gaafa qormanee ilaallu, haala gaariin keessa dabarre,” jedha.

Barataa Caalaa Olaanii Gaanfurees Yuuniversitii Adamaa muummee Elektirooniksii fi koomiwunikeeshin Injineeriing irraati. Yeroo qormaata madaallii haala ture dubbatu, ‘qormaatni kun kan barnootawwan waggaa lammataarratti fudhannedha. Akka muummee barnoota keenyaatti gatii hojiin kaanis baayyatuuf yeroo gabaabaa kana keessatti qophaawuun ulfaataa ture, ammoo irra aanneerra,” jedha. Caalaan dabalataan hiriyoota isaa qormaata kana kufanii isa biraa hafaniifis akka gaddu hime.

Barattuu Meetii Dandanaa Magaalaa Finfinneetti dhalattee guddatte. Sanbata darbe barattoota Yuuniversitiin Adaamaa eebbisiise keessaa tokkodha. Meetiin barnoota Keemikaal Injigeriing kan baratte yoo tahu, qorannoo baala daamakaseerratti taasisteen badhaasa qarshii badhaafamtee jirti. Meetiin baalli daamakasee qorichummaa akka qabu dubbattee, sanarraa, shaayii dubratoota ulfaa fi daa’imman dhibee dugugguruu isaan mudatuuf qorsa mishaa ta’a jette qopheessine jetti.

Shaayee Daamakaseerraa qopheessainee, dhugaatiif akka toluuf immoo qarafaa itti naqnee qopheesine
Meetii Dandanaa

“Daamakaseen mana nama moaraa keessatti argama, barmaataanis nami mataa dhukkubbii fi waan gara garaaf itti fayyadama.uti garuu kan irratti xiyyeeffanne, faayidaa inni haadholii ulfaaf qaburratti, sababni isaas Daamakaseen Fooleetii yookanis Foolik Asiidii qaba,” kan jettu Meetiin, Fooleetiin kun guddina mucaa gadameessa haadhaa keessa jiruuf baayyee gaarii ta’uu fis dhibeen spinaa bifidaa jedhamu kan yeroo da’umsaarratti mudatuu fi dugugguruu daa’ima dhalatuu miidhu hambisuu kan danda’uu ta’uu ibsite.

Shaayee Daamakaseerraa qopheessaniie, dhugaatiif akka toluuf immoo qarafaa itti naqanii dhiheessan.

Yaaddoo Barattoota Eebbifamanii

Barattoonni eebbifaman kunneen soda kaan qaban kaan waa’ee carraa hojiiti. Keessummaa barana gama ministeera maallaqaan, carraan qacarrii hojii mootummaa biraa jiraachuu dhabuu mala waan jedhu ilaalchisee kaan yaaddoo qaban kaan immoo silas mootummaa eegaa hin turree jedhu.

Meetii Dandanaa, carraan qacarrii kun utuu jiraatee warra jedhu keessaayyu.

‘Akka kootti utuu jiraatee gaariidha, nuti eebbifamnaan hojii feena, dhabamuunsaa dhiibbaa qaba, garuummoo akka nuti dafnee of dandeenyuufis gaarii ta’uu danda’a.”

Ofga'aaa Galaanaa fi maatii isaa guyyaa eebba isaa, Yunversiitii Adaamaa, Adaamaa, Adoolessa 22, 2023.
Ofga'aaa Galaanaa fi maatii isaa guyyaa eebba isaa, Yunversiitii Adaamaa, Adaamaa, Adoolessa 22, 2023.
Namni qacarameen miindaan jireenya moo’aa hin jiru,"
Ofgahaaa Galaanaa

Ofga’aaa Galaanaa garuu duruu, gama qacarriin,mootummaarraa waanti an eegu hin turre jedha.

"Yaada qacarriirratti amma namni qacarameen miindaan jireenya moo’aa hin jiru, irra hojii dhuunfaasaa yoo hojjete, bu’a qabeessa ta’a waan jedhuttan amana duraanis yaada egeree guddaa waan qabuuf ofii of danda’ee hojjechuuf kun naaf yaaddoo miti.” jedha Ofga'aan.

Maatiin barattootaa eebba kanarra turan gammachuu akka qabaachuu, gama qacarriitiinis gama mootummaan dhabamus ijoolleen isaanii akka milkaa’aniif akka hojjetan eerani. Obbo Olaanii Gaanfuree, abbaan dargaggoo Caalaa Olaanii, yoo dubbatan, obboloonni isaa kaan hojii akka qaban, isaanis akka maatiitti kan of danda’an waan ta’aniif ilma isaanii Caalaa hojii qabsiifachuun waan na yaaddessu mitii jedhanii jiran.

Aadde Kumashii Alemaayyehu, harmee barataa Ofga'aa Galaanaati. Ijoollee torba qaban keessaa kaan eerumanii, kaan hojii qabatanii kaan ammoo barnootarra jiru. Ofga'aa barsiisuun haala baayyee ulfaataa ture jedhu.

‘Inni kun ilma koo isa afuraffaadha, waaqni rakkoo guddaa keessa utuu jiruu inni naaf baratee, amma inni (waaqni) ija itti naaf godhe, amma guddoon gammade. Egaa waaqni asiin naaf gaheera ilmakoo, mootummaan qacaruu batullee inni karaa qaba. Namni sammuu qabusimmoo karaa bahu hin dhabu akka kootti,” kan jedhan immoo harmee barataa Ofga'aa Galaanaa Aadde Kumashii Alemaayyo.

Ijoolleen Yuuniversitii keenyaas qabxii olaanaadhaan filatamanii warra galaniidha, bahaniis kalaqarratti ijoollee fooyyee qabaniidha.
Dookter Kaasaayee Guutamaa Yuuniversitii Saayinsii fi teeknoolojii Adaamaatti Itti gaafatama walqunnamtii idila addunyaa

Dookter Kaasaayee Guutamaa Jabeessaa; Yuuniversitii Saayinsii fi teeknoolojii Adaamaatti Itti gaafatama walqunnamtii idila addunyaati. Yuuniversitiin Adaamaa qormaata seensaa mataasaa qopheessuun dhaabbata fakkeenyummaa qabu ta’uu himanii jiran. Kanaanis barattoota qormaata madaallii kan eebbaduraa fudhatan keesaa dhibbeentaa 87 ol dabarsuun sadarkaa lammataa arganneerraa jedhu. Dhimma qacarrii wajjin wal qabatees,”Ijoolleen Yuuniversitii keenyaas qabxii olaanaadhaan filatamanii warra galaniidha, bahaniis kalaqarratti ijoollee fooyyee qabaniidha.”

Ganna kana dhaabbileen barnootaa barattoota eebbisiisan qaamota gara garaaf Dooktora Kabajaa kan kennan yoo ta’an, Yuuniversitiin Adaamaa, Giiftii Durree Aadde Zinnaash Taayyaachew tiif, Barreessaa Seenaa Oromoo Taabor Waamii fi Obbo Zegeyyee Asfaawuuf Kennee jira. Kanarrattis dabalata, Yuuniversitiin Arsii Atleet Qananiisaa Beqqeleef, Yuuniversitiin Anjibaaraa ammoo weellistuu Ijjigaayyehu Shibaabbaawu’f akkasuma Dooktera kabajaa kennanii jiran.

gd/tg/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG