Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qormaata Kutaa 12 Itoophiyaa Ka baranaa hatani interneetii irratti baasanii jennaan hambisan. Eennutti, maaniif hate?


Indian school children dressed like Mahatma Gandhi assemble during an event at a school in Chennai, ahead of Gandhi's birth anniversary.
Indian school children dressed like Mahatma Gandhi assemble during an event at a school in Chennai, ahead of Gandhi's birth anniversary.
Qormaaa kutaa 12 ka baranaa hardha jalqaban ya hambisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:34 0:00
Xurree marsariitii

Waan qormaata kutaa 12 baranaa dhiyoo tanaayyuu woma hedduu jechuutti jiran.Namu waan jedheef afaanma guutatee dubbata.

Biiroo barnoota Oromiyaatii fi ministirii barnootaalleen qormaatii kun hatamuu ya mirkansan.

Akka ministerii barnoota Federaalaa obboo Shiferrawu Shugguxee jedhutti qormaatii kun waan hatameef ammaaf jidduutti dhaaban.

“Akkuma jirutti qormaata marsaa interneetii irratti baheen wal fakkaate argine.Tanaafuu qormaata itti aanu kennuun barbaachisaa miti jenne. Qormaata media irratti bahe kennuun barbaachisaa miti.Tanaaf qormaata guyyaa afran dhufaa kennan cufaa ya dhaabne jennee maatii,ijoollee ummata kennalleetti himuuf.”

Ministerii barnoota qormaatii hatame jedhanii sab-qunnamtii irratti dubbatamaa ture dhraa jedhee kalee dubbate

Oduun haga ammaatti jedhan oduu dharaa biyya nagaa dhowwuu,maatii fi ijoollee dogongorsuuf odeessan.Maatiin tana beekanii ijoollee isaanii gorfachuu malan. Ijoolleelleen tanuma beekanii karuma qophaahan suniin qormaataa qophaahuu malan.”

Tatullee dharati sun dhara taatee hin hafne.Akka jecha obboo Shiferrawutti haga fulaa poolisiin jirtutti qormaata bananii banamuu fi dhibaachun isaa hubatanitti hatame jechuun dhiba waan taateef jennee dogoggora uumameef “dhiifama gaafanna” jedha.

Akka barataan tokko jedhutti eeguma innii qormaata fixe akka ka lammeesso fudhachuuf kutaa hin seennee fi waan jiraa ammoo sab-qunnamtii irraa caqasan itti himanii nama hedduutti deebii qormaata baranaa argate.

Ijoolleen gaafii qormaatallee waliin argatanilleen hinuma jirti.”

Akka abbaan gurbaa isaa Sabbataa Finfinnee barsiisfatu tokko jedhutti wantii akkanaa kun waan hamilee barattootaa fi maatiillee cabsaati.

Waan qormaata hatamee kana woma hedduu jedhan.Qormaata baranaa eennutti maaniif hate?

Akka namii hagii tokko jedhutti barattootii Oromiyaa baranaa haga guddana waan hin baratiniif akka jarilleen qophaahuuf qormaatii duratti dheeratu maatii, qabsaahotaa Oromootii fi namii hedduun maqaa #Oromoprotests ykn Mormii Oromoo jedhuun mootummaa federalaa fi naannoollee gaafatee irratti didanii jennaan qormaata hatanii interneeti irratti facaasan.

Qormaata baranaa silaa ijoollee kuma dhibba hedduutti fudhataa horii guddaatti itti bahelle.

Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Barnoota Oromiyaa obboo Fiixee Aberraa waan qormaatii baranaa ya hatanii hattututi hatee taatullee dhiyootuu guyyaan qormaatii dhibiin kennamu himamaa jedha.

Wantii qormaata kutaa 12 baranaa hambise waan hedduu.Hagi tokko gareee mormii barattoota Oromoo,maati fi qabsaahota Oromoo akka qormaatii baranaa akka ijoolleen Oromoo barana haga guddaan hin baratan qophaahan tolchuuf duratti dabarsan gaafachaa bahe jedha.

Jawaar Mohaammad warra akka qormaata baranaa duratti dabarsan gaafchaa bahe jedhe keessaa tokko.

Maatii,ogeessa,barataa,qabsaahotaa fi ummata Oromootti addunyaa naannoo cufa keessaa akka qormaatii baranaa duratti dabru bilbilaa fi waan hedduun duule caqasuu didanii jennaan koreen Oromoprotests qormaatii bahu tolche jedha.

Woma taateefuu akka ministerii barnoota obboo Shiferrawu Shugguxee jedhutti dhiyootuu kennuuf labsama.Qormaatii kutaa 12 qormaaa yuniversitii seenuuf fudhatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG