Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorri Hamaa fi Cabbiin Kutaalee Yunaayitid Isteetis Gama Kibbaa Keessatti Itti Fufee Jira


Cabbii kutaa Mishigaanitti bu'e, Amajjii 2024.
Cabbii kutaa Mishigaanitti bu'e, Amajjii 2024.

Cabbii guddaan kutaalee Yunaayitid Isteetis adda addaa yeroo baayyee qorraa jalaa miliqan keessatti illee kan mudate yoo ta’u, kutaalee Kibbaa tokko tokko keessatti mukkeen kuffisee, Filooriidaatti qorri akkaan sodaachisu kan mudateef fi kanneen Daalaas keessa jiraatan illee huccuu qorraa akka haguuggatan taasiseera.\

Kibxta har’aa Teeksaasii qabee hanga galoo galaanaatti ganama haalli qilleensaa qoraan digiri Faranaayitii 10-20 kan ga’e yoo ta’u, 0 gadi degeree seent gireedii 10.5 ga’uu tajaajilli haala qilleennsa biyyoolessaa beeksiseera. Haalli qilleensaa qabbanaa’an Naannoo Teeksaas keessatti hanga Roobii boriitti kan itti fufu ta’uu isaaf, tarii Daalaasiin dabalatee kutaa sana keessatti akkasumas Oklahoomaa, Arkansaa fi Lowiziyaanaa keessatti cabbiin roobuu mala.

Kutaaleen gama bahaa biyyattii irra jireessi qabbanaa’aa ta’ee oole. Cabbii sababa uffateef daandiin konkolaataan irra deemu danqamuu malaa, manneen barnootaa cufamuu fi ibsaan illee dhaabuu dhaqqabsiisee balaliin xayyaaraa adda cituuf sababaa ta’uu akka danda’uuu ibsameera.

Daandiiwwan gurguddoon Kaansaas, dhiya Nebraaskaa, Kutaalee Indiyaanaa hanga tokko cabbiin waan uwwifameef waardiyyaan biyyoolessaa konkolaattota daandii irratti danqaman akka gargaaraniif bobba’aniiru. Tajaajilli haala qilleensaa biyyoolessaa cabbii hamaan Kansaasii fi Mizuurii keessatti mudate qilliinsa hamaa sa’aatii tokkotti km 72 bubbisu dhaqqabsiisuu isaa gabaase. Akeekkachiisi kun hanga Niw Jersiitti illee babal’atee jira.

Kutaalee Yunaayitid Isteetis gama bahaa sadii keessaa harka lama keessatti Wixata kaleessaa qorra nama adoochutu ture. Kutaalee Virjiiniaa, Indiyaanaa, Kaansas, Kentakii keessatti balaan konkolaataa kan dhaqqabe yoo ta’u balaliin 2,300 ol kan adda cite yoo ta’u yoo xiqqaate 9,100 guutumma biyyattii keessaa yeroo itti balal’ian dabarsanii k’uu dhaabbanni balalii beeksiseera jechuu dhaan odu gabaastonni AP kutaalee biyyattii adda addaa irraa gabaasaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG