Raashaa irra ugguura marsaa haaraa ka’uuf har’a marii kan gaggeessu ta’u Gamtaan Awuroopaa har’a beeksisee jira.Kunis magaalaalee Yukreen kanneen to’annaa humnootii Raashaa jala turan keessatti ajjeechaa gara jabinaa gaggeeffamuun eega gabaafamee booda.
Gamtaa Awuroopaaf aangawaa imaammata alaa kan ta’an Joseef Boreel ibsa baasaniin, gamtaan Awuroopaa dhimmi kana akka hatattamaatti fudhatee uggurrii dabalataa Raashaa irra akka ka’amuuf hojjata.
Ajjeechaan magaala Buuchaa fi magaalaalee kanneen biroo kan Yukreen keessatti gaggeeffame, gocha gara jabinaa biyyoo biyyoota Awuroopaa irratti rawwatamee keessaa tokko jedhamee galmeeffama jedhan Boreel.
Uggurri Raashaa irra ka’amuu maal akka ta’u torban kana irratti mari’atamma. Boreel ibsa baasaniin, gamtaan Awuroopaa abbootii seeraa Yukreen kanneen yakki waraanaa gaggeeffamuu isaaf raga funaanaa fi ka’aa jiraniif deggersa ni kenna.
Kana malees yakka gaggeeffame kana ilaalchisee, manni murtii yakka qoratuu kan addunyaa akkasumas komishinni mirga dhala namaa kan Tokkummaan mootummootaa qorannaa gaggeessuuf gamtaan Awuroopaa deggerse akka taaasisuu ibsamee jira.
Ministeerri hajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan Dilbata kaleessaa Raashaa akka jabaatti kan balaaleeffatan yoo ta’u, humnootiin Raashaa gadhisanii eega ba’anii booda, handaara magaala Kiyeev Buuchaa keessatti reeffa lammiwwan Yukeen kanneen ajjeefamanii daandiilee irratti gataman hanga tkko addunyaan akka argaee jedhan.