Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan fi  Yuukireen Galgala Kaleessaa Haleellaa Walirratti Raawachaa Akka Turan Ibsameera


Faayilii - Waraana Yukireenii fi Raashaa
Faayilii - Waraana Yukireenii fi Raashaa

Haleellaan Raashaan Yuukireen irratti raawwate kutaa Kyivi fi Summiy keessatti ta’u isaa kan ibsaanii haanga’onni bulchiinsa mootummaa Yuukireen, umni waraanaa biyyatti xiyaaroowwan nam malee ykn diroonotaa heduu qolachuu isaanii beeksisanii jiru.

Mayikolaa Kalaashinyek bulchaan kutaa kiyiv qibxata har’aa akka jedahaniitti, haleellaa Raashaa Kanaan kan miidhaan irraa gahee dubaartiin wagga 44 tokko hospitaala kan seenan yemmuu ta’u, mannoottan jireenyaa heduunis barbada’aniiru.

Haanga’onni Kutaa Sumiiy keessa jiran akka jedhaniitti umnii waraanaa Yuukireen diroonota Torba qolatee fashaleesus, haleellaa kutichaa irratti raawwateen namoottan lama madaa’anii, mannoottan jireenyaa waloo ykn Apaartimentoonii Lamma immoo barbada’aniiru.

Kutaa Cherkaasiy keessatti Droonaawwan Raashaa 20 ta’an barbadaa’uu isaanii fulaa Telegiraamii irratti kan ibsan bulchaan kutichaa Ihoor Tabureets haleellaa Rashaa Kanaan kutaa isaanii keessatti midhaa namoottan irra gahee hin ibsine.

Diroonotaa Raashaan bobbaaftee 213 keessaa 133 barbadeesuu isaa kan ibsee waraannii mootummaa Yuukireen, misaa’elootaa Kiruuz jedhamanuufi Raashaa irraa dhukaasaman Jaha qolachuufii barbadeesuu isaa beeksiseera.

Ministeerri Ittisaa Mootummaa Raashaa gama isaatiin, kutaa Yukireeniin daangesuufi Biriyaansik jedhamu keessatti diroonotaa Yuukireen 20 halkan kaleessaa qolatee barbadeesuu isaa ibsee jira. bulchaan kutaa Biriyansik Alexander Bogoomaaz Telegiraamii irratti ibsa kenaniin Droonotaa Yuukireen Kanaan miidhaan qaqqabe akka hin jirre ibsuu isaanii maddi oduu Rooyiters gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG