Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Hanga Misaa’eela Qabdutti Haleellaa Hin Dhaabdu: Prezidaant Zalaniskiin


Prezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyi, Onk. 31, 2022
Prezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyi, Onk. 31, 2022

Torban dhufu akkuma torban darbee haleellaan misaa’ela Raashiyaa madda humna elektirikii biyyattii irratti miidhaa bal’aa geessise sanaan rakkisaa ta’uu akka danda’u Prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy Dilbata kaleessaa galgala dubbataniiru.

Zelenskyy haasawa gama viidiyoo halkan kaleessaa dubbatan irratti, waraanni Yukireen fi qaamoleen mootummaa biroo qophaa’aa akka jiran kan ibsanii,hojjettoota madda tajaajila humnaa deebisuu danda’anis galateeffatanii jiru.

Shororkeessitoonni haleellaa haaraa karoorfachuu isaanii ni hubanna. Inni Kun dhugugaa akka ta'ee beekna, jedhan Zelenskyy. Hanga misaa’ela qabanitti isaan, hin tasgabbaa’an jedhan.

Haleellaan xiyyaaraa Raashiyaa irra deddeebiin Yukireen keessatti gaggeessitu, bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an rukutee, yeroon qorraa yeroo dhihaataa jiru kanatti, tajaajiloota barbaachisoo ta’an kuffisee jira.

Qondaaltonni Raashiyaa haleellaa akkasiitiin namoota nagaa ykn siviiloota irratti qiyyafaachuu isaanii haalanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG