Humnootiin Yukreen biyyatti Kaaba bahaa keessatti iddoo Raashaan qabattee turte gadhisisuu yeroo jalqaban, Raashaan caasaa humna eleektrika biyyatti fi kan tajaajiila uummataa irratti qiyyaafatte jechuun, angawoonni Yukreen himatanii jiru.
Kutaa Kharkiv fi Doneesk keessatti guutummaan eleektriikii kan citee yoo ta’u, kutaa Zaprojeyaa ,Diniipopraas fi Sumii keessatti immo hanga tokko citeera jechuun prezidaantiin yukreen zeleenskiin Twitarii irratti Dilbata kaleessaa galgala barreessan.
Kaayyoon isaanis, maadheelee waraanaa irratti kan qiyyaafate otoo hin taanee uummanni ibsaa fi ho’a akka hin arganne gochuufi. Jedhan.
Forum