Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Mana Maree Nageenyaa Mootumoota Gamtoomanii Irratti Yaada Yunaayitid Isteets Dhiheesite Simattee Jirti


Faayilii- Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa
Faayilii- Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa

Yunaayitid Isteets walwaraansaa Raashaa fi Yukireen gidduutti adeemaa jiru nagaadhaa xumuruun akka barbaachisu ibsuudhaan mata duree “Daandii nageenyaa” jedhu jalatti yaadnii dhiheesite yaada madalaawaadhaa jechuudhaan Raashaan qibxata har’aa ibsitee jirti.

Yunaayiti Isteets, mana marree nageenyaa mootumoota gamtoomaniitti yaada murtoo toora Afuriin dhiheesitee kana keessatti, namoottan waliti bu’insa biyoottan lammanii keessatti du’aniif gadda ishee ibsitee , dhaabanni mootumoota gamtoomanii nagaa fi nageenyaa adduunyaa mirkaneesuudhaaf jecha akkataa waldhabdeen biyoottan lamanii karaa nagaatii furamu irratti akka hojjatu gaafateetti.

Yaadnii fi murtoon mana maree nageenyaatti dhihaate kun “daandii gara nageenyaatti nu geesuudha” kan jedhan mana maree nageenyaatti bakka buutuu Amerikaa kan ta’an Dorotii Shii murtoo darbe kana akka meeshaa Yuukreeniif Raashaa keessatti nageenyii ittin ijaaramuutti fudhachuu qabnaa jedhaniiru.

Dubbii himaan masaraa mootummaa Raashaa Dimitrii Peeskoov ijjanoon Yunaayitid Isteets qabattee fedhii dhugaa nageenyaa mirkaneesuuf qabduu kan agarsiisuudhaa jedhaniiru.

Yaada nageenyaa Yunaayitid Isteetsin dhihaatee kana biyootta mana maree nageenyaa keessa jiran, 10 kan deggeran yemmuu ta’u, Raashaa fi Chaayinaan haala Kanaan dura ta’ee hin beekneen Yunaayitid Isteets wajjin dhaabataniiru. Biriteenii fi biyoottan Awurooppaa Afur sagalee kennuu irraa of qusataniiru.

Faransaayii fi Biriteen yaada Yunaayitid Isteetsin dhihaatee irratti murtoo dabarsuun akka yeroo biraatti darbuu gaafatanus sagaleedhaan fudhatama dhabuun isaa beekameera.

Faransaay, Biriteen, Deenmaark, Giriik fi Siloveniyaan yaada kennan keessatti Yunaayitid Isteets rakkinichaa “ walti Bu’insaa Raashaa fi Yuukireen “ jette ibsuun hin qabduu, weerara guutuu Federeshiiniin Raashaa Yuukireen irratti raawwatae.. jedhamee ibsamuu akka qaba” jechuudhaan gaafataniiru.

Barreessaan Muummee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez guyyaa kaleessaa magaala Jeeneevaa keessatti ibsa kennaniin, biyyoonni akkaata, Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin, waldhabdee kana xumuruu fi nagaa haqaa qabeesaa fi waaraa ta’e mirkaneesuuf seera idil-addunyaa fi murteewwan Yaa’ii Waliigalaa waliin wal simachiisuun galmaan ga’uuf carraaqqii kamiinuu qusachuu hin qaban” jechuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG