Yukreen lafa Raashiyaa irratti haleellaa waan gaggeessite fakkeessuuf Raashiyaan karoora akka qabdu Yunaaytid Istees odeeffannoo akka qabdu ibsitee jirti.Sana booda isa sababaa godhacuun Raashiyaan Yukreeniin irratti haleellaa banuuf akka jirtu angawaa gameessii bulchiinsa Baaydiin ibsanii jiru.
Angawoonni Tikaa kan Amerikaa akka jedhanti, vidiyoo haleellaa sobaa agarsiisan qopheessuu isa jedhu masaraan kreemliin mala hedduu keessaa akka mala tokkotti gargaaramuun Yukreeniin weeraruuf karoorfatan jedhan.
Vidiyoon gadhiifamuuf jiru kunis abbaan biyyummaa Raashiyaa sodaa jala akka jiruu fi duula waraanaa itti fufuu jedhan aangawaan eenyummaan isaanii hin ibsamne kun.