Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaa fi Tarkiin Ajjeechaan Ambaasaddari Raashiyaa Irratti Raawwatame Hariiroo Isaanii Irratti Midhaa Akka Hin Qabaanne Beeksisan


Reeffi Ambaasaddar Andreeyi Kaarlov gara Raashiyaa yeroo deemu sirna geggeessaa godhameef ,Ankaraa, Tarkii, Muddee 20, 2016.
Reeffi Ambaasaddar Andreeyi Kaarlov gara Raashiyaa yeroo deemu sirna geggeessaa godhameef ,Ankaraa, Tarkii, Muddee 20, 2016.

Preziodaantonni Raashiyaa fi Tarkii, Ambaasaddarri Raashiyaa ka biyya Tarkii kaleessa ajjeeesamuun, hariiroo biyyoota lamaan gidduu irratti akka miidhaa hin qabaanne walii-galanii jiran.

Akka dhaabbatni Oduu Faransaay gabaasetti --- hoogganoonni biyyoota lameenii eega telefoonaan mari’atanii booda, “Dhimmoota Raashiyaa wajjiin waliif-tumsinu, ka bal’ataa deemaa jiru – keessumaa ka Siiriyaa keessaa irratti akka miidhaa hin qabaanne, Mr. Puutiin wajjiin hubannaa wal-fakkaataa qabna.” – jedhu – Prezidaantiin Tarkii – Resep Xayyib Erdogaan.

Har’a, magaalaa Moskoo keessatti immoo, ministaroonni dhimma alaa biyyoota lameenii – fakkii Ambaasaddaricha, kaleessa, Tarkii keessatti, dhukaasa poolisii hojii irraa boqonnaa irra tureen ajjeesamanii, kan Andree Kaarloov irra bissii abaaboo ka’anii jiran.

Poolisiin Tarkii Ambaasaddaricha ajjeese, haleellaa Raashiyaan Siiriyaa keessatti geggeessaa jirtu mormuun ta’uun beekamee jira.

XS
SM
MD
LG