Biyyootan laman haleellaa wal irratti raawwatan Kanaan kan qiyyeeffatan dhaabbilee haniisaa fi umna elektiriikaa irratti yemmuu ta’au , Raashaan dhaabbata omishaa boba’aa Yuukreen kutaa Pooltava keessatti argamu irratti qiyeeffachuudhaan, misaa’elootaa Balastikii fi Kiruuz 19 dhukaasuu ishee umnii qileensaa mootummaa Yuukreen beeksiseera.
Sababa haleellaa Kanaan kan ka’e Yuukreen umna elektiriikaa irra ugura yeroo atattamaa kaa’uu ishee ministirrii haniisaa mootummaa Jermaan Galushicheenkoo qibxata har’aa beeksisaniiru.
Waraanni Yuukreen gama isaatiin, qibxata har’aa haleelaa raawwateen dhaabata Raashaa boba’an itti calalamufi kutaa Saraatov keessatti argamu irratti miidhaa geesisuu isaa beeksiseera.
Bulchaa kutaa Saraatov kan ta’an Romaan Busargiin daabbataa boba’a irratti abdii qabatee ture dhaamuu isaa tooraa miidiyaa hawaasaa Telegraam irratti beeksisaniiru.
Minsiteraa ittisaa mootummaa Raashaatti, kutaan ittisa misaa’elaa ibsa kenneen diroonotaa Yuukreen 40 qolachuu isaa beeksisee jira. waraanni Raashaa itti dabaluudhaanis, bakka kutaa baha Yuukreenitti argamuufi Yaseenoov jedhamu qabachuu isaa beeksisee jira.
Karaa biraatiin, Itti anaa prezidaantii Yunaayitid Isteets Jeedii Vaansiin dabalatee yemmuu haanga’onii Yunaayitid Isteets prezidaantii Yuukreen Volodemiir Zelenskii wajjin torban kana keessaa walraguuf karoorfatanii jiranutti , prezidaant doonaald Traamp, Yuukreeniin ilaalchisee haasaa taasisaniin, gargaarsaa Yunaayitid Isteets taasisaa jirtuuf Yuukreen akka albuudaa qabduun kaffaluu qabduu ibsuun isanii beekameera.
Walgahii dhimma nageenyaa torbana kana biyyaa Jermen magala Muniik keessatti taasifamu irratti, kan hirmaatan itti anaa prezidaantiin Yunaayitis Isteets Jeedii Vaans, ministirrii dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo fi Jeenraalli soorama bahanii dhimma Yuukreen irratti akka hojjatan muudaman Letenaa Jeneraal Ke’it Kellog prezidaantii Yuukreen wajjin wal arganii akka maryachuu danda’an ibsameera.
Doonaald Traamp ibsa Wixata kaleessa kennaniin Zeleneskii wajjin tarii dubbachuu akka danda’an himuun isaanii gabaasameera.
Forum