Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Amerikaa Waliin Dubbachuu Akka Feetu Beksiifte


Raashiyaan filannoo prezidaantii Yunaaytid Isteetes keessa seenuu isheef ugguurri haaraan eega irra ka’ame booda lammiwwan Amerikaa qiyyaafanni irra jiru ykn Blaak List irra keesse dabalaa jirti.

Dhaabbatii oduu Raashiyaa maqaa ministrii dantaa alaa biyya ofii serge Ryabcov maqaa dhahuun jimaata har’a akka gabaaseetti lammiwwan Amerikaa kana irratti ugguura ka’uuf akksumas tarkaanfii dabalataa fudhachuu malla jedha.

Yunaaytid Isteetes tasgabii addunyaa sodaa irra buuste kan jedhan aangawaan Raashiyaa kun rakkoo siyaasaa Amerikaa mudatee irraa kan ka’e tarkaanfii fudhachuuf dirqamaa kan jirru ta’uus garu Waashingtoon waliin dubbachuu feena jechuu isaanii dhaabbatii oduu kun gabaasee jira.

Kamiisa kaleessaa bulchiinsii Traamp lammiwwan Raashiyaa 19 fi kaampaanilee biyyatti 5 kanneen filannoo bara 2016 gaggeeffame keessaa harka qabu ittiin jedhe irra ugguura ka’uu beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG