Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Buufata Baabura Imaltoota Yukireen Haleelte


Haleellaa misaa'elii Raashiyaan Kramatoriski keessatti geggeesite, Yukireen, ebla 8, 2022

Angawoonni daandii Baaburaa Yukireen, haleellaa rookkeetii Raashiyaan buufata baabura imaltootaa irraan geesseen namoonni 30 ta’an yoo du’an kanneen biroon 100 madaa’uu beeksisan. Daaniin baaburaa sun namoota bakka balaan itti dhaqqabee baasuuf tajaajila.

Rookkeetiin lama buufata baaburaa Kramatoorsk keessaa haleeluun ibsamee jira. Namoonni kumaan laka’aman gara bakka amansiisaatti deemuuf jecha buufata baaburaa sana jechuun bulchaan naannoo Donetsk dubbachuu isaanii Rooyiters gabaasee jira.

Prezidaantiin komiishina gamtaa Awrooppaa Ursullaa von der Leyen fi hoogganaan imaammata alaa gamtaa Awrooppaa Jooseef Booreelii deggersa qaban mul’isuuf gara Kiivitti ennaa qajeelan, gamtaan Awrooppaa jimaata har’aa uggura itti dabalaa Raashiyaa irra kaa’uu isaa beeksisee jira.

Tarkaanfiiwwan haaraan kun cileen dhakaa fi mukaa akkasumas keemikaalonni gara biyyatttii akka hin seenne kan ugguruu fi baankilee Raashiyaa afur waliin daldala geggeessamu irra uggura kaa’ame ta’uun ibsameera.

Loltoonni Raashiyaa kanneen Yukireen keessaa Yukireen gama kaabaa keessaa ba’uu dhaan gara Beelaarus fi Raashiyaatti deemuu isaanii ministriin ittisaa Briteen har’a beeksisee jira. Gabaasi basaasaa akka mul’isutti, humnoonni kun hangi tokko Yukireen Raashiyaa waliin wal daangessu Donbaasitti lola geggeessuuf gara baha Yukireenitti bobbaafamanii jiru.

Loltoonni Raashiyaa guutummaa dhaan Yukireen gama kaabaa dhiisanii gara Beelaarus dhaquu isaanii fi Zelenskyy-n kamisa galgala akka dubbatanitti haalli magaalaa Borodiankaa keessaa kan Bucha caalaa hamaa dha jedhan. bakki kun Kyiv kaabaa irraa fageenya km 60 irratti kan argamu yoo ta’u namni hedduun du’uu mala jechuun Zelenskyyn dubbataniiru. Weerartoota Raashiyaa irraa illee akkasuma hedduun miidhamuuf jiru jedhan.

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii biliinken kamisa kaleessaa biyyattii waraanaan bututte Yukireen keessaa siiviloonni hedduun miidhaa Raashiyaan dhaqqabsiisteen dhumuu isaanii gabaasi qabatamaan jiraachuu akeekkachiisanii, guyyaa tokko garuu Mooskoon itti gaafatamti jechuun dhaadatna.

Raashiyaan Buchaa keessaa siiviloonni hin duune jechuun haaltee jirti. Ministeerri haajaa alaa Yukireen Dmytro Kuleebaa uggura warreen dhiyaa Raashiyaa irra kaa’an galateeffatanii, tarkaanfiin itti dabalaa akka fudhatamu gaafachuu dhaan, gurgurtaa boba’aa fi gaazii Raashiyaa baankilee ishee irra uggurri guutuun akka kaa’amu gaafataniiru. Doonilee Raashiyaa fi meeshaa isheen alatti ergituuf illee buufataaleen galaanaa akka cufaman gaafataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG