Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan  Har’a Ganama Yukireeniin Weerarte  


Meeshaa waraanaa Raashiyaa magaala Kiriimiyaa, Yukiren, Armyansk, Guraandhala 24, 2022.
Meeshaa waraanaa Raashiyaa magaala Kiriimiyaa, Yukiren, Armyansk, Guraandhala 24, 2022.

Raashiyaa kamisa har’aa ganama Yukireen irratti haleellaa raawwachuu dhaan, magaalaa galma mootummaa Kiiyiiviin dabalatee magaalaalee Yukireen ja’aa ol irratti haleellaa misaayilaa geggeessitee jirti.

Vilaadmiir Putin biyyoonni ka biroon jidduu akka hin seenne yoo akeekkachiisan, michoonni Yukireen warren gama dhiyaa haleellaa Raashiyaa balaaleffachuu dhaan deggersa qaban ibsanii, uggura marsaa haaraa cimaa kaa’uuf waadaa seenaniiru.

Putin haasaa TV irratti dhiyaachuun dhageessisaniin, doorsisa Yukireen kan ittiin jedhaniif deebii kennuuf jecha Yukireen gama bahaa keessatti duula waraanaa eegaluu isaanii beksisan. Kanneen naannoo Donbass keessaa tarkaanfii kana morman daafoo hamaa arganii hin beekne kan isaan eeggatu ta’u akeekkachiisan.

Prezidaantiin Ykireen Voldoymyr Zelenskii akka jedhanitti, humnoonni Rashiyaa caasaalee waraana Yukireenii fi waardiyyaalee daangaa irratti haleellaa raawwatan.

Mootummaan guutummaa biyyattii keessatti seera hooggansa waraanaa gad dhaaba, uummatis tasgabbaa’ee mana akka turu gaafataniiru. Rifaatuun hin jiru. Nuti cimoo dha. Waan maraafuu qophee dha. Eenyuun iyyuu ni injifanna. Sababiin isaas nuti Yukireeni jedhn Zelenskyiin.

jiraataan Yukireen tokko akka jedhanitti Seera hooggansa waraanaa? Naasuutu mudachuuf jira. Ijoollee kana eessan dhoksa? Qubsumni hin jiru, homtuu hin jiru. Bakki isaa dirree ifaa dha. Eessan dhaqa? Jedhan.

Booda irras Yukireen hariiroo diplomaasummaa Raashiyaa waliin qabdu kutuu ishee labsanii, mootummaan nama kamuu kan biyyattiif eegumsa gochuu barbaadu ni hidhachiisa jedhan.

Waraanni Yukireen akka jedhetti Raashiyaan kamisa har’aa ganama humnootii Yukireen kanneen baha biyyattii irratti haleellaa anuu dhaan buufataalee xiyyaaraa kanneen magaalaalee hedduu guutuu Yukireen irratti rookkeetii furguggisan.

Gargaaraan Zelenskii odu gabaastotaaf akka himanitti yoo xiqqaate namoonni 40 ta’an du’aniiru.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, prezidaant Putin lola dursee itti yaadame kan jireenya namaa balleessuu dararaa namaa hammeessu filatan jechuun ibsaniiru. Lolli kun du’uu fi manca’uu inni dhaqqabsiisuuf Raashiyaa qofaatu itti gaafatama. Kanaaf Yunaayitid Isteetisii fi michoonni ishee tokkummaa fi bifa murteessaa ta’en deebii ni kennu. Addunyaan illee Raashiyaa itti gaafatamtuu ni taasisa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG