Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayilaa Odingaa Akka Deggertoonni Isaanii Filannoo Keeniyaa Boor Geghgeessamutti Hin Hirmaanne Dhaamsa Dabarsan


Ammaa booda gamtaan gareelee mormitootaa isaaniin hoogganamu ammaa booda, gara sochii mormiitti ka jijjiiramu ta’u ka dubbatan – Raayilaa Odingaa, filannoo keessa-deebii boor biyyattii keessatti geggeessamuuf karoorfame ilaalchisee, hordoftoota isaaniif qajeelfama kennanii jiran.

“Lammiwwan Keeniyaa, kanneen dimookiraasii fi murtii haqaaf gatii kennan, buufatoota filannoo irraa fagaatanii taa’anii mormii isaanii mul’isuun yokaan kadhannaan akka turan yokaan immoo callisanii mana isaanii akka oolan gorsina” – jedhan – Odingaan.

Hoogganaan gamtaa gareelee mormituu kun, “Koomishinni Filannoo biyyattii yokaan IEBCn seera irraa jal’atee jira – jechuun, yeroo dheeraadhaaf mormii dhageessisaa turan. Filannoo isa duraa, jechuun kan gaafa Hagayyo tokkoo geggeessame kan fudhatama dhabsiise – manni-murtii muummichi, ka Keeniyaa “ba’ii filannoo dabarsuu keessatti sirna-dhablummaa fi seera-dbablummaa mul’atee tureef itti-gaafatamaan koomishinicha filannoo yoaan IEBC” dha jechuun beeksisee ture.

Dorgommii filannoo keessaa ba’uu isaanii ka dhiheenya kana labsan – Odiingaan, Koomishinni Filannoo biyyattii booda illee akka jijjiirama hin argisiisiin dubbataa turan.

Raayilaa Odingaa Akka Deggertoonni Isaanii Filannoo Keeniyaa Boor Geghgeessamutti Hin Hirmaanne Dhaamsa Dabarsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:08 0:00

Kanneen sagalee kennuuf galmaawan namoonni sadii, akka filannoo booritti karoorfame sun dhaabsifamu, mana-murtii muummicha, ka Keeniyaatti Peetishinii yokaan iyyannoo mallatteessame galfatanii turan. Garuu, har’af gama kan ibsa kenne manichi-murtii, sababaa abbootiin murtii hin guutiiniif jecha akka murtii kennuu hin danda’iin beeksise.

Abootii murtii toorba silaa argamuun irra ture keessaa shan – garii sababaa dhukkubaan, kaan magaalaa Naayiroobii keessa akka hin jirre himachuun, kaan immoo sababaa hin beekamneen argamuu hin dandeenye – jedhan - Maraagaan. Haati-murtii itti-aantuun halkan dabre namoonni shofeeraa fi konkolaataa isaanii haleeluu irraa kan ka’e argamuu akka hin danda’iin dubbatan.

Dura-taa’aan Koomishina Filannoo Keeniyaa, kan IEBC – Waafulaa Chebukaatii immoo, filannoon boorii sun akkuma karoorfametti akka geggeessamu labsan.

Torban dabre garuu, yoo hoogganoonni siyaasaa waliin hojjechuu hin dandeenye akka taayitaa isaanii gad-lakkisan akeekkachiisanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG