ABUT raayyaa ittisa biyyaa irratti ennaa haleellaa raawwate waliin hojjetan kanneen jedhamanii fi himannaa kan irratti dhiyeesse miseensota raayyaa waraanaa keessaa galmee saddeeti irratti kan tarreeffaman loltoota 10 irratti, manni murtii waraanaa kutaa ajaja kibbaa hidhaa umurii saddeetii hanga kudha saddeetiin adabee jira.
Manni murtii waraanaa kutaa ajaja kibbaa kan raayyaa waraana Itiyoopiyaa dhaddacha kaleessaan ture murtii kana kan dabarse.
Murtiin kan irratti darbe ajajaa kumaa Baasshaa Kifle Kaahisaay, Kolonel Kifle Fisehay, ajajaa shantamaa Mebiraatuu Xilaay Berihee, loltuu Mekonnin Kinfee, ajajaa shantamaa Ferredee, itti aanaa ajajaa kudhanii Asaffaa Hagoos, itti aanaa ajajaa kudhanii Kifilenigis Gebregorgis akkasumas galmee tokko irratti kan dhiyaate kan Koloneel Kaasuu Habtuufaa keessatti tarreeffaman Leetenaal Kolonee Hagoos Asaffaa fi Letenaa koloneel Haylaay Gebruu ti.
Manni murtii waraanaa, yaada murtii abbaaa alangaan dhiyaate dhadachichaaf dhiyeessee, murtiin yakka salphisu abukaatolee mana murtii waraanichaan, yaadawwan yakka cimsan immoo abbaa alangaan dhiyaatee jira.
Kanneen murtiin irratti darbe kun akka seera yakkaa kan Itiyoopiyaa keenyata 293 hirkeeyata tokko irra daddarbuu dhaan danbii tajaajila raayyaa ittisa biyyaa cabsuu fi keeyata 32 hirkeeyata tokkofi keeyata 247 irra kan jiru cabsanii raayyaan waraanaa gara diinaatti akka dheessu jajjabeessuu fi kakaasuu dhaan jechuu dhaan dhaddachichi ibsee jira.
Yakka wal fakkaatuun dhakkamanii to’annaa jaa kan oolan miseensonni kutaa ajajaa raayyaa waraanaa 150 qorannaan irratti geggeessamaa kan jiruu fi kanneen adeemsi qorannaa xumurameef immoo yeroo dhiyoo himannaan kan irratti dhiyaatu t’auun ibsameera