Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Mara Keessaa Hanqina Bishaaniitu Hamaa dha jedhu jiraattonni Buraayyuu


Namoota dabaree bishaanii eeggatan, Dodotaa, Arsii
Namoota dabaree bishaanii eeggatan, Dodotaa, Arsii

Rakkoon hanqina bishaanii kan magaalaa Buraayyuu yeroo dheeraaf kan tureef mallattoo wayyaawuu agarsiisaa kan hin jiraanne ta’uu jiraattonni ni dubbattu. Hanqinni bishaanii kun humni ibsaa addaan ciccituu isaan kan wal qabate ta’uu hangi tokko ibsaniiru. Magaalaan Buraayyuu magaalaa addaa Oromiyaa Finfinnee gara dhiyaa irratti argamti. Piyaassaa irraa qabee hanga Buraayyuutti daandiin geessu bal’aaf bareedaa ta’ee hojjetameera. Daandiin gara Wallaggaatti geessuuf Buraayyuu bakka lamatti qoodee kan darbu garuu hin jijjiiramne.

Daandii sana bitaa fi mirgaa namoonni bishaan waraaban ykn bakki bisaan waraabbatan hin argamu. Gandeen keessas akkuman xiqqoo adeemeen jedha Meleskachoon bakka bishaan waraabbatan akka natti agarsiisaniif daraggoota karaatti natti dhufan lama gaafannaan kun eessa jira? Buraayyuu keessa rakkoo bishaanii hamaatu jira naan jedhan jedhe. Maraafuu bakka namoonni hedduun bishaan waraabbatan sitti agarsiisna naan jechuun bakka “Xabala Maraamii” jedhu natti agarsiisan. Irraangadee gara metera 50 gad bu’amee laga tokkotu argama. Lagi kun garanaa garasiin bishaan xurii ta’e illee utuu itti nam’uu argama fooliis qaba dubartoonni naannoo sana taa’anii huccuu miicaa turan jedha Meleskachoon.

Bishaan ujummoo/boombaan bu’uu fi qulqulluu dha jedhame immoo keellaa dallaan marfamee jiruuf Xabala Maaramii bakka jedhamu keessaa ti. Dubree ka biroo Meleskachoon haasofsiise Caaltuu Taaffasee jedhamti. Bishaan kun qulqulluu ta’uu fi dhiisuu isaa hagas waanan beeku hin qabu jetti. Bishaan dalallaa waldaa Kirstaanaa keessaa argama jedhan kana waraabbachuuf ergan asitti deddeebi’uutti ka’ee baatii lama guuteera kan jettu Caaltuun daandiin ujummoo bishaanii mana koos jira garuu bishaan hin qabu jette.

Bishaan dallaa waldaa kirstaanaa keessaa dhufa jedhan kana burqaa isaa beekuu baannus gatii utuu itti hin basin tola kan argatan ta’uu dubbatu jiraattonni kun. Jiraattonni kun akka jedhanitti bishaan baduun kun ibsaan dhabamuu isaa waliin kan wal qabate ta’uu illee ni dubbatu. Aadde Faaxumaa Nuuruu jedhamu. Rakkoo hundumaa irra kan hammaatu dhabamuu bishanii ti jedhu. kana dura bakki kuufama bishaanii bulchiinsa magaalaatiin tolfame amma gogeera jedhan. Hanqinni bishaanii Finfinnees ta’e magaalaalee ka biroo keessa jiraachuun kan wal falmisiisu miti jechuu dhaan Meleskachoo Amahaa Finfinnee irraa gabaaseera.

Gabaasa sagalee
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG