Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa fi Qaamonni Addunyaa Rakkoo Caamaa Hamaa Bulchiinsa Naannoo Somaalee Mudate Irraa Uummata Oolchuuf Carraaqaa Jiran


Feeding centers for drought affected people
Feeding centers for drought affected people

Bulciinsa Naannoo Somaalee keessatti rakkoo caamaa hamaa mudateen uummata miidhame gargaaruuf, mootummaan Federaalaa ka biyyoolessaa, akkasumas, qaamonni sadarlaa Addunyaa hojii hedduu akka hojjetaa jiran, Prezidaantiin bulchiisan naannoo sanaa beeksianii jiran.

Bulchiinsa naannoo Somaalee, godinaa Kirihee, aanaa Kutumbur keessatti ka gabaasaan keenya – Eskindir Firew haasosiise, Abdullaahii Kaliif, caama naannawa sanatti dhufe irraa kan ka’e – beeyiladoota qaban keessaa irra-hedduu dhabuu isaanii dubbatu. Gaalota dhibba tokkoo fi re’ee dhibba lamaa shantama keessaa irra-jireessi jalaa dhumuu gabaasaa VOAf ibsan.

Seenaan maanguddoo kanaa, keessumaa godinaalee Korihee, Doolloo fi Jerer keessatti, caamani dhufe miidhaa hagamii akka geessisaa jiru kan agarsiisu – fakkeenya tokko. Jiraattoonni ka biroon hedduun, xiqqaa haga kanaa irraa haga guddaatti beeyladoota isaanii dhabanii jiran. Karawwan adda addaa bitaa fi mirgatti waa dhabamuu bishaanii ibsi kennamaa jiruu fi mukeen goggogan gidduutti beeyladootni du’anii mul’atan hammeenya caamichaa mul’isan.

Caama haarawa dhufe kanaa booda, baatii Sadaasaa dabre, mootummaa Itiyoophiyaa fi waahiloota isaatiin kan ifatti beeksisame – galmee ittiin gargaarsa namoomaa gaafatan “HRD” jedhamu irratti akka ibsametti, lammiwwan Itiayoophiyaa miliyoona shanii fi kuma dhibba ja’a ta’an tu gargaarsa namoomaa barbaada. Lakkoobsa kana keessaa kanneen miliyoona tokkoo fi kuma dhibba toorba ta’an immoo, bulchiinsa naannoo Somaalee, kan Itiyoophiyaa keessatti argman.

Naannoo uummatni isaa irra-jireessi, horsiisee-bulaa bakka tokko irraa gara biraatti godaanee jiraatu keessatti, namoota gargaaramuu qaban bakka tokkotti dhaqqabuun rakkisaa dha.

Mootummaan bulchiinsa naannoo Somnaalee, bakkawwan bishaanii fi nyaatni itti raabsaman, ka yeroo tahu qoopheessuudhaan ka gargaaraa jiru ta’uu ibsee jira. Ka duraan dubbatan – Abdullaahii Kaliifaa, kanneen bakkawwan gargaarsaa akkanaa jiran keessaa gabaasaa keenyatti dubbatan. Hojiin gargaarsa akkanaa, eega caamni naannoo sanatti uumame irraa jalqabee ka geggeessamaa ture ta’uu – Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalee – Abdii Mohammed Omaar, gabaasaa VOA-f ibssanii jiru.

Caama sana dandamachiisuu fi gargaaramtoota dhaqqabuuf carraaqqiin godhamu, arjoomtota adda addaatiin ka deggeramaa jiru ta’uu dubbatan – Prezidaantiin Naannoo Somaalee kun. Gargaartota kana keessaa tokko Yunaayitid Isteetsi. Itiyoophiyaatti, hoji-raaw’achiisaan Embaasii Yunaayitid Isteets – Piiter Bruumaan akka jedhanitti, gargaarsi barbaachisu hagam akka tahe eega ifatti beekamee as, biyyi isaanii gargaarsawwan adda addaa ka gochaa jirtu ta’uu ibsanii jiran.

Bakka Ambaasaddaraa banaa tahe bakka-bu’uun kan hojjetaa jiran – hoji raaw’achiisaa Embaasichaa - Piiter Bruumaan dabalee, waajira Embaasicha Ameerikaa Finfinnee jiru fi Dhaabbata Gargaarsa Misoomaa Yunaayitid Isteets irraa kanneen walitti-dhufan – gurmuun hoogganota hojii, gidduu kana bulchiinsa naannoo Somaalee daawwatanii turan.

Kan Waashingtanii dhufanii fi gurmuu kana waliin gara bulchiinsa naannoo Somaaleetti imalan – gorsaan Dhaabbata Gargaarsa Misoomaa Sadarkaa Addunyaa Yunaayitid Isteets – Toomaas Stool, caamni ammaa kun, ka waggoota xiqqoo dura naannoo sana mudatee ture caalaa hamaa ta’uu hubachiisanii jiran.

Kana cuqaasuun guutmmaa gabaasaa kanaa caqasaa

Caamnii Hamaan Somaaliyaa Keessatti Ummata Walakkaa Miliyoonaa Ta’u Godaansiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:49 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG