Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Hamaa Mudatee fi Haala Gaddisisaa Dhala Namaa Irra Ga’e Hubadhe.


Dr Raj Shah
Dr Raj Shah

Jaarmayaa misooma sadarkaa addunyaa kan yunaaytiid steetes(USAID)f Bulchaa kan ta’an Dr Raj Shah dhiyeenya kana mooraa namni kuma hedduun keessa buufatan kan keeniyaa daw’atanii deebi’an.

Dubartoota kiloomeetra 80 ykn 100 sana caalaas lafoo deemmanii dhufan ennaa hasoofsiiftu haalli jiru attam gaddisisaa akka ta’e hubatta kan jedhan Dr Shah,ijoollee isaanii harkatti baatan garaa baasaa fi dhukkuboota biraan qabamanii guyyooota hedduuf agabuu turan jedhu.Kan haala akkasii keessa jiran dubartonnii fi ijoolleen kuma hedduutu guyyaa guyyaatti gara mooraa kanaa dhufaa jira.Kanaaf gargaaruu qabna jedhu

Amerikaan walumaa gala doolaara miliyoona 600 uummata biyyoota gaanfa Afrikaa keessaaf kennitee jirti kan jedhan Dr shah,Kana keessaa miliyonni 1 sagantaalee adda addaa Somaliyaa keessaaf kan oolee yoo ta'u, inni hafee imoo Keniyaa gama dhiyaa fi kutaalee Itiyoophiyaa hanga tokko keessatti Sagantaalee beeledaalee talaaluu, hawaasaaf bishaan dhiyessu akkasumas hojii qonnaa foyyessuuf ooluu isaa ibsan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG