Walitti bu’iinsa daangaa Raashiyaa fi Yukreen irratti uumamee qabaneessuuf carraan karaa Diploomaasii ifaa ta’eetu jira jechuun, Ministeerrii haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan prezidaantii Ykreen Vlaadmiir Zeleneskiitti himanii jiru.
Garu jedhan Raashiyaan weerara Yukreen irratti gaggeessitu bifa haaraan itti fuufnan waan hamaatu oshee eeggata jedhan.
Abba biyyummaa Yukreen kabajsisuuf deggers Yunaaytid Istees gootu irra deebi’uun kan ibsan Bliinkan, hegeree isaanii fi kan biyyatti murteessuun kan lammiwwan Yukreen qofa akka ta’e Bliinkan hubachiisan.
Prezidaant Zeleniskiin gama isaaniin, gargaarsa meeshalee waraanaa Amerikaan Yukreeniif kenniteef Bliinkaniin fi bulchiinsaa Baaydiin kan galateeffatan ;
Angawaa gameessii ministeera haajaa alaa Amerikaa har’a oduu gabaastotaaf akka ibsanti, bulchiinsii Baaydiin baatii dabree nageenya eegsisuuf kan ooluu Doolaara Miliyoona 200 dabalataan biyyattiif raggaasisee jira.
Bliinkan hogganaa Yukreen waliin ituu hin dubbatiin dura, hojjattoota Embaasii Amerikaa kanneen Kiyeev keessaa waliin dubbatanii turan.Karaa Diploomaasii fi nagaan muddamsa kana furuuf abdiin jabaan akka jiru garu, murtii kennuun harka prezidaantii Raashiyaa Vlaadmiir Putiin jira jedhan.