Godina Jimmaa keessatti amantoota musleemaa fi karistaanaa giddutti walitti bu’iinsa uumame furuuf yaaliin itti fufee kan jiru ta’uun ibsamee jira.
Obbo Haaydar Se’id yunivarsitii jimmaa irraa akka ibsantti,Quraanni ciramee mana fincaanii waldaa kristaanaa tokko keessaa argamuutu rakkoo kana maddisise malee, jibbi biraan hin turre jedhan.
Yeroo ammaa uummanni marii adda addaa gaggeesee rakkoo kana furaa akka jiru kan ibsan Obbo Haaydar, uummata bara dheeraaf tokkummaa fi jaalalaan jiraate kun rakko akkasiin gargar hafa jedhee hin yaadu jedhan.
Luba Dr.Waaqishum Iddoosaa prezdaantiin waldaa kristaanaa makaane yesuus Itoophiyaa naannoo rakkoon kun keessatti uumame hanga tokko daaw’atanii kan deebi’an ta’uu ibsuu dhaan, lafa dhaqanittis sababaa walitti bu’iinsa kanaan namoota manaa fi qe’ee ofii irraa godaanan arguu isaanii dubbatan.
Jarreen kanaafis gargaarsii ergamaa akka jiru ibsuu dhaan, haala itti qe’ee ofitti itti deebi’uu danda’an ilaalchisee mootummaan irratti hojjataa akka jiru ibsan.
MP3 tuquun guutummaa gaaffi fi deebii kanaa dhaggefadhaa.humate