Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Yeroo Dheeraaf Tureef Furmaata Dhabne: Jiraattoota Konsoo


(Suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo Kibbaa godiina Konsoo fi naannoo sanatti namoonni 15 ajjeefamuu jiraattoonni iddoo sanaa ibsanii jiru.

Angawaan itti gaafatamaa bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama Kibbaa Obbo Alamaayyoo Baawuda walitti bu'iinsii jiraachuu mirkaneessanii hojiin naannoo tasgabbeessuu fi ittiin ka'uumsa walitti bu'iinsichaa qorachuu itti fufee jira jedhu.

Jiraattonni maqaan isaanii hin ibsamnee gaafatan VOAf akka ibsanti hidhattoota naannoo sanaa fi Onag Shaneetu haleellaa kana keessaa harka qaba jedhu.

Waggaa 5 dura aanaa addaa Allee fi godina Konsoo giddutti walitti bu'iinsa uumamee tureen namnii 25 caaluu ajjeefamee abbaan warraa kumaan lakka'aman manaa fi qe'e ofii gadhisanii godaanuun ni yaadatama jechuun Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

Rakkoo Yeroo Dheeraaf Tureef Furmaata Dhabne:Jiraattoota Konsoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:51 0:00


Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG