Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Kooviid 19 baqattootaa midhaa jira jedhe UNHCR


Faayilii - Buufata baqattootaa biyya Baanglaadhi keessatti yeroo talaalliin kennamu
Faayilii - Buufata baqattootaa biyya Baanglaadhi keessatti yeroo talaalliin kennamu

Dhaabata mootumoota gamtoomaniitti jarmiyaan dhimma baqattootaa irratti hojaatu UNHCR, baqattooni fi namoottaan dirqiidhaaan jereenyaa isaanii irra buqqa’an miiliyoonotaan lakkawaamaniif gargaarsii kooviid 19 keennamuuf baannaan rakkinii cimaann baqattaata muudachuu akka danda’u ibseera.

Gabaasin gaabaastuun VOA Liishaa Shilaayin Jeneevaa irraa qopheesite akka jedhetti, sadarkaa idilee adduunyaatti Iraaqi, sooriyaa, Sudaan kibbaa fi biyyoottan hedduu Afrikaa, Eshiyaa, Laatiin Amerikaa dabalaatee bakkeewan baqqattootaa 10 ta’n keessatii rakkoo cimaatu mul’achaa jira.

Rakkina Koovid 19 baqattoota irratti geessisuu danda’u furuudhaaf UNHCR dolaara Miiliyoona 900 fi miiliyoona24 keessaa walakkaadhaa gadi qofatuu argame.

UNHCR keessatii itti gaafatamtuun kutaa nageenya hawaasaa Ann Baarton akka jedhanitti, amma ammaatti baqattoonni 100, 000 vaayireschaan yemuu qabaman baqattoonii 1,850 du’aniiru.

Dhukubsachuuf du’uu iraa kan hafe, Sababa kooviid 19 diinagdee adduunyaa fi jireenyaa baqattootaa irratii rakkinaa uumeef baqattoon nyaataa fi eegumsa fayyaatiif akkasumas baruumsaaf waan kafalan akka harkaa hin qabne UNHCR ibsuu isaatiif namoonii umnaan jireenyaa isaanii iraa buqqa’an namoottan adduunyaa kana keessa jiraatan irra haraka tokko ta’uu isaanii gabaasin lishaa Shilaayin kun himeeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG