Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raphael Warnock fi Jon Ossoff filannoo kutaa Joorjiyaa moo'anii Senetii U.S. harka Demokiraatotaatti deeffatan


USA-ELECTION/GEORGIA-BIDEN Jon Ossoff and Raphael Warnock
USA-ELECTION/GEORGIA-BIDEN Jon Ossoff and Raphael Warnock

Joorjiyaan kutaa Amerikaa 50n keessaa tokko.Bara hedduu asi paartii Rippaabilikaanitti moo’aa bahe. Godina kana keessaa seneteri lamatti filatama. Lamaanuu paarti Demokiraatitti moo'e.

Dorgommii tana keessaa ta nama lamaa gaafa Amerikaan bulchoota filatte, Sadaasaa 3 irratti namii lama wal moohuu dadhabee dorgommiif walti deebisan.

Rev.Raphael Warnock(D) ammoo Kelly Loeffer(R) moo’e. Raphael paasteri mana amantii kiristaanaa damee Baaptistiit. Nama gurraacha jalqaba dorgommii senetii Amerikaa moo’e.

Jon Ossoff (D) fi David Perdue(R) moo'e. Amerikaan senetera 100 qabdii godinii 50n nama lama-lama keessa qaba ganna jaha bulchan ammallee wal dorgomsiisan abbaan moo’e ittuma dabra.

Paartii senetera harka guddaan argatte bulchiinsa mootummaa Amerikaa gama tokkoon harkaa qabdi jechuu.Pirezidaanti Tiramapii fi Joe Baayden, namii filannoo pirezidaantummaa moohatee labsaniif filannoo kalee sun dhaqanii nama isaanii jajjabeessan.

Amerikaati amma Paartiin Rippaabilikaan fi Demokiraati senetii 50-50 walqixxee qaban. Akka seeraatti paartii pirezidaantiin ka isii tahetti itti gaafatamaa seneti taha.

Akka kanaan itti aantu pirezdaantii Amerikaa Kamala Harisitti ittti gaafamtuu senetii taha Amerikaa taha.Manii marii Amerikaan haga diqqaan harkatti Demokiraatotatti hafe.

Joorjiyaa bara hedduu asi Rippaabilikaaniti bulche bara 1992 asitti Biden qofatti dorogmmii pirezidaantummaallee kutaa tanatti moo’ate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG