Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Gaaffiin Dhiyeesseef Deebii Biyyoota Gama Dhiyaan Fedha Jetti


Prezidaantii Raashaa Vilaadmir Putin
Prezidaantii Raashaa Vilaadmir Putin

Raashiyaan wabii nageenyaaf jecha gaaffii dhiyeessitee biyyonni gama dhiyaa hin fudhatan taanaa, carraalee jiran kan biroo of-eeggannaan kan itti yaadan ta’u prezidaan Vlaadmiir Putiin beeksisanii jiru.

Kunis kan jedhame, Raashiyaan waraana ishee hedduminaan daangaa biyya Yukreen irraa qubsisuun muddamsa yeroo hammeessee jiru kanatti.Moskoon gara jalqaba abaatii kanaatti wixinee galmee nageenyaa kan dhiyeeffattee yoo ta’u, kunis Neetoon gara bahaatti babal’achuu akka dhaabuun akkasumas, walta’iinsa waraanaa biyyoota akka Yukreen fi Jorjiyaa waliin tolfachuu fi kanneen biros of-keessaa qaba.

Angawoonni Yunaaytid Istees gaaffii Raashiyaan dhiyeessite irratti, marii gaggeessuuf fedhii qabu.Ta’uus garu aangawoonni waashiingtan fi iddoo biraa irraa dhunfaan akka jedhanti, gaaffii dhiyaate kan hin hojjanne, kan hin danda’amnee ykn bu’uura isaa irraa qajeelfama biyyoota gama dhiyaan faallaa dha.Maraaafuu bageenya kan ilaaleen baatii dhufu Raashiyaa waliin marii gaggeessuuf walii galanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG