Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barataa Magaalaa Najjoo Reebicha Moo Dhukkubattu Ajjeese?


Oromia map
Oromia map

Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Najjoo keessatti Dilbata darbe Caamsaa 01 bara 2016 galgala barataa kutaa sagalii kan ta’e Saamu’el Taklee Amantee du’uu isaa jiraattonni naannoo ibsanii jiru. Jiraattoonni akka jedhantti Dilbata darbe guyyaan ayyaanni “du’aa ka’uu ykn Faasikaa” guutummaa biyyatti keessatti kan kabajame yoo ta’u barataa Saamu’el hiriyyoota isaa waliin galgala magaalaa keessa ituu deemanii polisonni isaan ari’uu eegalanii hangi tokko figanii jalaa yeroo miliqan barataa Saamu’el garuu polisoonni qabanii reeban jedhu. Saamu’el dugda koo jecdhee iyyaa fi dhiiga haqqisaa waan tureef hiriyyonni isaa gara hospitaalaatti geesan. Sana booda achitti du’e jedhu.

Bulchaan Magaalaa Najjoo Obbo Biraanuu Caalii garuu dargaggoon kun erga du’e booda Hospitaala geessan jedhu. Doktoroonnis ayyaana waliin wal qabatee waan nyaatee fi dhuge irraa kan ka’e du’e jedhu. Dhugaatii hammaan ol dhugeen onneen isaa midhameetu odeeffanno jedhu dhageenyee jirra jedhan. Gama kaaniin barattootaa fi jiraattoota hidhaman dhaqanii ijaan arguuf rakkoon akka jiru dubbatamaa jira. Hidhamtoota kaan immoo magaalaan ala iddoo adda addatti geeffamuu fi maatiin lafa isaan jiran dhabuun rakkataa akka jiran beekamee jira.

Bulchaan magaalaa garuu kanneen hidhaman dhaqanii dubbisuuf yeroo qaba malee dhorkaan hin jiru erga jedhanii booda haalli yakka isaanii ilaalmee kanneen iddoo biraatti geeffaman jiru jedhan. Maatiin deemanii dubbisuuf humna maallaqaa qaban dhufanii iddoo isaan jiran nu gaafachuu danda’u jedhan.

Gaaffii fi deebii geggeeffame caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:41 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG