Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffa Namootaa Awwaaluu Namnii Nu Gargaaruu hin turre, Kanaaf Ofii Keenya Asuumatti Awwaallee: Jiraattuu Haawzeen


Naannoo magaala Haawzeenti awwaalli sirnaawaa hin taanee kan namoota 200 ta’anii fi wal waraansaan ajjeefamanii dhagaa fi awwaara uffatee jira kan jette oduu gabaastuun RSA Heezer Nardook kunis baatilee darban torbaaf waraansii eega gaggeeffamee booda jette.Jiraattonni Haawzeen wal waraansii kun itti fufee namoonni dabalataan ajjeefamuu sodaa jedhu qabu.

Reeffa Namootaa Awwaaluu Namnii Nu Gargaaruu hin turre, Kanaaf Ofii Keenya Asuumatti Awwaalle: Jiraattuu Haawzeen
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:30 0:00

Awwaalcha hanga tokko keessa reeffa namoota hedduutu jira, kanneen biro keessa immo xiqqootu jira jetti. Jiraattonni naannoo akka jedhanti waliigalaan awwaalcha gara 20tu jira.Awwaala 20man kana keessa namoota wal waraansa yeroo tokko caalaa gaggeffameen kanneen ajjeefamanii reeffii isaanii daandilee irraa funaanuun akkasumas torbanneen dhiyeenya kanaa muraasa duras haaraa kannen ajjeefamis ka dabalatuu ta’u namoonni naannoo ni dubbatu.

Reeffii namootaa guyyaa 7 fi 8 lafa irra bubbulee Bataskaana geessinee awwaaluuf namnii nu gargaaree hin turre.Kanaaf jecha namoonni hangi xiqqoon as turre asuumatti awwaallee.Reeffii tureesTortoree baayyee foolii qaba, ilbiisoota adda addaa kan ofitti harkiisu ture jette

Jiraattonni Haawzeen irra heedduun manaa fi qe’e ofii gadhiisuun kan godaanan yoo ta’u hedduun isaanii mooraa namnii keessa tucha’ee keessa nyaata malee jiraatu.

Magaalattiin iyyu kan mancaatee fi diigamtee yoo taatuu, maatiin achitti hafan akka jedhanti, jireenya gaggeessuuf gonkumaa kan hin danda’amee ta’u dubbatu.

Wal waraansa baatii Sadaasa darbee kaasee Adda Bilisummaa Uummata Tigraay ykn TPLF fi humnootii Itiyoophiyaa fi Ertraa giddutti wal waraansa ta’een Haawzen yeroo shan dabareen to’annaa gam lameenii harka turte.

Waraanni Itiyoophiyaa Hawzeeniin dabalatee Tigraay harka caalaa isaa to’ataa jira.Garu wal waraansii itti fuufnaan yeroo barbaadameetti jalqabamuu mala soda jedhu qabu jiraattonni.

Magaala kana keessatti haleellaa bombii hedduutu gaggeeffamee.Ijoolleen du’anii manneen barbada’anii jiran.

Gabaa keessatti bara kana daldaltoota muraasatu maallaqa barbaade argata jettee itti dabaluudhaaniis garu yoon carroomee jechuun guyyaa guutuu gabaa keessa oolu jette.

Handaara magaalaa Haawzeen irraa Letay Girmaay akka jettutti, haala hidhattonni marsanii jiranti magaalattii keessa carraa gaariin ni argama jettee hin eegdu.Jiraattonni namoota wal waraansaan du’an awwaaluu itti fuufnaan. kanneen ajjeefaman kuns ijoollee fi maanguddoota waan ta’anif jetti.

Ajjeechaan itti fufee jira.Dhiyeenya kana Bataskaana cinatti reeffa namoota ka biro torba awwaallee jette

Wal waraansii kun lubbuu namoota kuma hedduu galaafatee miliyoona hedduu manaa fi qe’e irraa godaansiise.Haawuuzen keessatti namoonni hangi tokko akka jedhanti, ammaan booda waan ssodaatan hin qaban.sababaan isaas, kana caalaa waan hamaan ni dhufa jedhanii hin yaadan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG