Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffi Artist Haacaaluu Ambo Geessame. Naqamtee fi Jimma Keessatti Walitti-bu’insi Uumame 


Artist Haacaaluu Hundeessaa
Artist Haacaaluu Hundeessaa

Reeffi artistii beekamaa fi jaallatamaa Haacaaluu Hundeessaa helikooptaraan gara bakka dhalata isaa Ambootti geessamee jira. Yeroo gabaasaan kun qindeessametti reeffi Haacaaluu mana warra isaa magaalaa Amboo, ganda Toorban Kutaayee jedhamu dhaqqabuun isaa himamee jira.

Artist Hacaaluu ajjeesamuutti rifaatuu fi gadda itti dhaga’ame ibsachuuf uummata magaalaa Naqamteetti hiriira bahee fi humnoota mootummaa gidduutti walitti bu’insa uumameen, namoonni du’anii fi madaa’an jiraachuu, hiriirtotaa fi Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Naqamtee irraa VOAf ibsanii jiran.

Magaalaa Jimmaa keessattis akkasuma hiriirtotaa fi humnoota mootummaa gidduutti walitti-bu’insi uumamee namaa fi qabeenyaan miidhamuu tu himame. Kan dhimma sana hordofaa ture gabaasaan keenya Naakoor Malkaa Ambo irraa dubbisnee jirra.

Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.

Reeffii Artist Haacaaluu Ambotti Geessame. Naqamtee fi Jimma Keessatti Immoo Walitti-bu’insi Uumame
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:44 0:00


XS
SM
MD
LG