Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffi Namaa Laga Daangaa Itiyoopiyaa fi Sudaan Jiru Keessaa Argame


Faayilii - Baqattoota daakaadhaan laga Tekesee cehan, Muddee 15, 2020
Faayilii - Baqattoota daakaadhaan laga Tekesee cehan, Muddee 15, 2020

Haanga’oonii biyya sudaan kutaa biyyatii naanoo Kasalaatii reenfaa namootaan 50 bishaan irrati arguu isaanii himaniiruu.

Reeffi Namaa Laga Daangaa Itiyoopiyaa fi Sudaan Jiru Keessaa Argame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:10 0:00

Reenfichii kan namoottaan wal waraansa naannoo Tigraay keessa jiru baqachaa jiraan akka ta’ee kan himan haanga’onii sudaan kun namootan kana keessaa kaan kan rasaasaan rukutaman yemuu ta’uu kaan immoo akka harkii isaanii waltii hidhamaa ta’e dubbataniiru.

Angawoonni sababaan du’a kanaa maal akka ta’e qorannaa saayinsiitu barbaachisa jedhan. Angawaan kana dubbatan sababaa miidiyaaf ibsa kennuuf eeyama hin qabaanneef maqaan isaanii akka hin tuqamne ta’ee jira. Hojjettoonni eegumsa fayyaa Itiyoopiyaa kanneen hawaasa daangaa Sudaan kan Hamdayeet, reeffi namootaa laga Setit kan Tekezee jedhamuun beekamu irraatti arguu isaanii mirkaneessan.

Naannolee baatilee sagaliif walitti bu’iinsi Tigraay keessatti itti geggeessame, bakka lammiiwwan Tigraay humnoota Itiyoopiyaa fi michoonni isaanii ennaa humnoota Tigraay lolaa turanitti gocha gara jabinaa raawwatan jechuun himatan keessa yaa’a lagi Tekezee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG