Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Keessatti Kibxata Kaleessaa Lolli Deebi'ee Ka'uun Gabaasame 


Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Keessatti Kibxata Kaleessaa Lolli Deebi'ee Ka'uun Gabaasame 
Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Keessatti Kibxata Kaleessaa Lolli Deebi'ee Ka'uun Gabaasame 

Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Bahaa keessatti Kibxata darbe lollii kan ka’e yoo ta’u, kunis hoggantoonni Afrikaa dhukaasa dhaabuu fi waldhabdeen yeroo gabaabaaf akka tasgabbaa’uuf waamicha erga dhiyeessan guyyoota sadii booda.

Riphxeelooltonni M23 barii lafaa Maadhee waraana Koongoo isa Kutaa bulchiinsa Kivu Kibbaa keessaa haleeluu isaanii maddeen naannoo fi kan nageenyaa dhaabbata oduu Ajaans Firaans Preesii tti himaniiru.

Mootummaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo garee Riphxeelooltoota M-23 jedhaman kana, dhaabbata shororkeessummaatti kan moggaase yoo ta’u, Tokkummaan Mootummootaa fi Ameerikaan immoo garee finciltoota hidhate jechuun ramadu.

Ruwaandaatu finciltoota kana deeggeeraa jirti jechuun Koongoon himatti, Ruwaandaan immoo himannaa kana ni haaltii.

Hoggantoonni Afriikaa bahaa fi gama kibba hojjettoonni waliigalaa qaban karoora ''haalduree tokko malee'' dhukaasa dhaabuu hanga Kamisaatti hojiirra oolchuuf yaada akka dhiyeessan erga gaafatanii booda haleellaan kaleessaa kun ka’ee.

Waldhabdeen kun kumaatamaan kanneen lakka’aman galaafatee fi lakkoofsi hedduu warra mana isaanii keessaa ari'eera dhaabsisuuf ture.

Riphxeelooltonno M23n ji’oota dhiyeenya kanaa darban keessa naannoo albuudaan badhaadhe Koongoo Bahaa keessatti argaman saffisaan qabateera.

Kunis dhuma bara 2021tti meeshaa waraanaa erga lolee booda, biyya waggoota kurnaniif waldhabdee hedduudhaan rakkatte keessatti ture.

Gareen hidhate kun dhuma baatii darbe keessa magaalaa guddoo bulchiinsa ollaa Kiivuu Kaabaa kan Ruwaandaan daangeessitu Goma erga to’atee booda Kiivuu Kaabaatti tarkaanfachuu eegale.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG