Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo Keessatti Dhukkubni Iboolaa Ka’e, Hammachuuf Deemas Jedhameera


Suuraa Faayilii
Suuraa Faayilii

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa, Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo keessatti, dhukkubni Iboolaa ka’e kan hammaachuuf jiru tahuu dubbata.

Ebla 4 irraa jalabee haga Caamsaa 5tti, dhukkubni lagdaa fi qaama keesstti dhiiguu namoota 27 irratti ka mul’ate tahuu isaa fi kanneen keessaa 17 du’uu isaanii dubbata – gabaasaan WHO kun. Qorannaa geggeessameen namoota lama keessatti dhukkubni Iboolaa argamuunis beekamee jira.

Ministriin Eegumsa Fayyaa ka Rippuublikii Dimookiraatawa Koongoo, akka Jaarmayichi Fayyaa Addunyaa, rakkoo kana furuuf irratti gargaaruf gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG