Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripxe Loltoonni Houthi Tokkummaa Emireetota Arabaa Irratti Haleellaan Raawwatan Lubbuu Namaa Galaafate


Buufata kuusaa zayitii ADNOC magaala guddoo Tokkummaa Emireetota Arabaa, Abu Daabii, Amajjii 17, 2022.

Ripxe loltoonni Houtii wixata kaleessaa erga haleellaa xayyaara nam maleeyyii fi misaayilaa geggeessanii booda, waaltaaalee tokkummaa emireetota Arabaa itti dabalaa irratti kan fuuleffatan ta’uu akeekkachiisan.

Poolisiin mgaalaa galma mootummaa kan Abu Daabii akka jedhetti, haleellaan sun kan fuuleffate keellaalii boba’aa oomishanii fi buufata xayyaara Abudaabii irratti.

Namoonni haleellaa sanaan du’an lammiiwwan Hindii lamaa fi lammii Paakistaan tokko yoo ta’an, kanneen biroon ja’a immoo madaa’aniiru.

Buufata xayyaaraas ta’e keellaa boba’aa irra miidhaa guddaan akka hin ga’in poolisiin beeksisee jira.

Dubbi himaan ripxe loltoota Houtii Yemen gama isaaniin gareen isaanii haleellaa waaltaa dinagdee biyyattii kan Abudaabii irratti kan rawwateef sababaan, torban darbe haleellaa Yemen keessatti raawwatameef qooda arab embireet qabaatteef ijaa ba’uuf jecha jedhan.

Maddeen Hautii kanneen Yemen, Sana’aa keessaa xayyaara nam maleeyyii saddeetiin akkasumas misaayila 10ttu dhukaafamuu dubbataniiru. . TV Arabaa akka mul’isetti samii Abu Daabii irratti aarri ol ka’ee argamuu isaaf suraa ibiddi buufata xayyaara Abu Daabii fi keellaa boba’aa Abudaabii agarsiisu mul’isanii jiran.

Kanaaf deebii kennuuf jecha humnoonni wal taatota milishoota loltoota Houtii kanneen Yemen konyaa Mariibii fi qabiyyee isaa kan Sana’aa haleelanii jiran. Humnoonni wal taatotaa kun itti dabaluun akka ibsanitti wixata kaleessaa xayyaara nam maleeyyii gara Saaud Arabiyaatti dhukaasan saddeeti maqsanii jiran.

Ministriin tokkummaa emireetota Arabaa haleeaa keellaalee isaa irratti raawwatame balaaleffachuu dhaan utuu hin adabin hin darbamu jedhee jira. Tokkummaan Emireetota Arabaa haleellaalee shororkeessotaa fi yakka hammaataa adeemeef deebii kennuuf mirga qabdi jedhee jira ministrichi. Tokkummaa Emireetota Arabaa loltoota Houtii-tti duula geggeessamu keessatti qaama wal taatota Saudii dhaan hoogganamuu ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG