Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rooba Jabaa fi Lolaan Bishaanii Maalaawwii Rakkisaa Jira 


Namoota konkolaataa galoon fudhate irraa dhaabbatan, Chikiwawaa, Maalaawwii, Amajjii 25, 2022.
Namoota konkolaataa galoon fudhate irraa dhaabbatan, Chikiwawaa, Maalaawwii, Amajjii 25, 2022.

Maalaawwii keessatti jandoo roobaa fi loolaa bishanii konyaalee 15 keessatti yoo xiqqaate namoota 19 ajjeesee kanneen biroo 100 caalaa madeessuun aangawoonni biyyatti ibsanii jiru.

Komishinarri waa’ee ittisa balaa kan Maalaawwii Chaarlas Kaleemba Kamiisa kaleessaa akka jedhanti, namoota mooraa keessa jiraniif nayaati hatattamaan barbaachiisa.

Roobnii waan itti fufee jiruuf namoonni lafa keessa turan barbaadu jedhanii, bakka dahannaa caalaa namoota mooraa keessatti walitti qabamanii jiran hundaaf nyaata barbaanna jedhan.

Iddoo heddutti imallee akka argineetti Boqqolloon namoonni mana keessaa qaban manca’ee ykn tortoree waan jiruuf jecha, namoonni waan tokko of-harkaa hin qaban jechuun ibsan.

Namoonni kuma 200 manneen kuma 48 keessaa jiraatan irra hedduun isaanii manaa fi qe’e ofii irraa kan godaanan yoo ta’u haala hamaa mudatee Kanaan miidhamanii jiru.Lolaan bishaanis guutee sadarkaa ibsuun hin danda’amne dhaqqabu jiraattonni dubbatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG